Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Warraa Koo Warri Itti Dhukaasan Afaan Na Cuqqaallaan Namni Akka Birmatuuf Hiyyachuu Hin Dandeenye: Haadha Warraa Obbo Ahimed Jibiril


Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa galaan magaalaa gabaa roobii ganda 21 jedhamu keessa jiraataa kan turan obbo Ahimed Jibril hidhattoota mootummaan dilbata ganama barii rasaasaan dha’amanii ajjeefamuu isaanii jiraattonni naannoo fi maatiin isaanii fi bulchiinsi aanaa Sanaa nuuf himaniiru. Obbo Ahimed nama nagaa hawaasa keessatti jaaltamaa ta’uun gabaasameera.

Haati warraa obbo Ahimed aadde Caaltuu yooyyaa akka jedhanitti ganama barii akka lakkoobsa Itiyoophiyaa sa’aati 11tti namoonni hidhatan dhufanii cufaa nutti rukutanii bani jedhanii erga bansiisanii booda itti dhukaasan jedhan.

Anaan afaan na cuqqaalanii akka hin iyyine na dhorkanii itti dhukaasanii booda konkolaataa dhaan fudhatanii deeman jedhan.

Bulchaan godina Hawwaa Galaan obbo Mittikkuu Lammeessaa illee obbo Ahimed Jibril nama nagaa hawaasi dhugaa ba’aaf jedhan. Maaliif akka ajjeefaaman nuufis gaaffii dha. Namoonni shakkaman to’annaa jala oolanii jiru. Poolisiinis dhimma isaa qorataa jira jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:34 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG