Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa fi Dhiittaa Mirga Dhala-namaa Hamaa Gaalkaayyoo Keessaa Baqattoonni Himatan


Itti aanaa Komishinera Baqattoota Tokkummaa Mootummootaa,Alekisander Alehinikoffi kaabii baqaa Bosaasoo,Puntilandi bara, 2013.
Itti aanaa Komishinera Baqattoota Tokkummaa Mootummootaa,Alekisander Alehinikoffi kaabii baqaa Bosaasoo,Puntilandi bara, 2013.

Puntlaand magaalaa Gaalkaayyoo keessa kanneen jiran baqattoonni Oromoo, baqataan Oromoo Mohammed Huseen Adam jedhaman, jalqaba baatii kanaa irra nama ka biraa Somaalee tokko waliin humnoota hidhataniin hoteela keessaa hojjetamu tokko keessaa butamee fudhatamuu isaa fi torban lama booda, reeffi isaanii hospitaala keessatti argamuu nuuf ibsan. Akka baqattoonni kun jedhanitti, obbo Mohammed butamee fudhatamuu isaa dura aagawaan mootummaa Sa’iid Alii Yusuuf jedhamu haleellaa garee Al-shabaabiin, hoteela Mohaammad keessaa hojjetu biratti ajjeesame.

Haali-warraa Obbo Mohammed, Munaa Yaasin, akkuma abbaan manaa ishee dhabametti gara hoteelichaa deemtee ennaa gaafattu, abbaan hoteelichaa waraana mootummaatiin fudhatamuu isaa itti hime, kan jedhan baqattoonni kun, “booda ennaa mootummaa gaafannu garuu, ka gochaa kana raaw’ate gurmuu milishaa yokaan hidhattootaa ta’uu nutti hime” jedhu. Achii booda, humnaan gudeeddii dabalee, miidhaan adda addaa baqattoota irratti ka raaw’atamaa jiru ta’uu himatan.

Himannaa baqattootaa kanaaf waajira poolisii magaalattii irraa deebii argachuuf, itti-gaafatamaa poolisii maqaa “Traafikoo” jedhamuun beekamanitti deddeebisne bolbille iyyuu deebii hin arganne. Waajira Dhimma Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa – ka UNHCR magaalattii keessa jirutti, hojjetoota jaarmayichaa argannee turre. “Akka mootummaan nuun jedhetti, kan baqataa Oromoo – Obbo Mohammed Huseen Adamii fi nama Somaaliayaa ka biraa hoteela isaan keessaa hojjetan keessaa fuudhee deeme, kan mootummaatti hidhata hin qabne – garee milishaa naannoo sannaa ti.

Garuu, qulqulleeffachuuf mootummaan qorannoo itti fufee jira” nuun jedhanii, daran ibsa argachuuf akka aangawoota dhaabichaa ol’aanoo gaafannu nutti himan.

Haaluma kanaan, Jimaata dabre, ka magaalaa Naayiroobii keessa jiru – waajira UNHCR-tti bilbilee, aangawaa Piyeer Lukaas Nikosiyaa argadhe. Dhimma isaa gad-fageenyaan qofachuuf eega guyyoota haga tokko fudhatanii booda, har’a barreeffamaan deebii armaa gadii naaf kennan – Mr. Nikoosiyaan.

“UNHCR – baqataan Oromoo tokko, nama ka biraa tokko waliin butamee fuudhamuun ajjeesamuu isaa mirkaneeffatee jira. Poolisii fi aagawoonni Mootummaa Puntlaand dhimma kanatti ciminaan ilaalcha kennanii hojjechaa jira.” – jechuun akka qorannaan itti fufee jiru nuuf ibsan. Kana malees, Mootummaan - maatii namni jalaa du’eef gargaarsa awaalchaa barbaachisu gochuudhaan, akkasumas – bakka-bu’oota hawaasa baqattootaa mari’achiisuudhaan, namoota yaaddoo qaban mara gargaaruuf akka cichaan hojjetaa jiru odeeffannoo argachuu isaanii nuuf ibsan.

Akka aangawaan UNHCR kun, Naayiroobii irraa nuuf ibsanitti – Mootummaan,qaamoota dhimmi isaa ilaallatu, kanneen akka UNHCR fi qaamota gargaarsa namoomaa ka biroo waliin qindeeffachuudhaan, eegmsa nageenyaa baqattoota sanaaf daran cimsee jira.

Walitti-bu’insi fi haleellaan shororkeessotaa dhiheenya dhiheenya naannawa sanatti geggeessamee fi doorsisne itti fufee jiru, jireenya baqattootaa irratti qofa otuu hin taane, hojjetoota fi waajiraalee dhaabota Tokkummaa Mootummootaa irratti illee dhiibbaa hamaa uumee jira – ka jedhan, Piyeer Lukaas Nikoosiyaa Gaalkaayyoo keessatti gochaan loogii, humnaan gudeeddii fi hookkarri saala irratti hundaa’e baqattoota irratti geggeeffamu yoo adda-baafamee beekame, Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa ka Tokkummaa – dhabota gargaarsa namoomaa fi jaarmayaalee ka biroo wajjiin wal-gargaaruun, miidhaa mirga namoomaa raaw’atame irratti akka tarkaanfiin fudhamu fi kanneen miidhaman immoo akka gargaarsa argatan ka taasisu ta’uu dubbatan.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG