Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Jamaa Lixa Oromiyaatti Raawwate Irratti 'Human Rights Watch' Ibsa Baase


'Human Rights Watch' gabaasa oduu haaraa baaseen akka jedhetti Lammiileen Nagaa Lixa Oromiyaa Keessatti Eegumsa Malee Hafan jedhee jira.

Gareen hidhate socho’u ji’a Waxabajjii bara 2022 keessa lixa Oromiyaatti lammiilee nagaa Amaaraa dhibba hedduu kan ajjeese yoo ta’u, humnoonni nageenyaa Ityoophiyaa ammoo eegumsa isaaniif waan xiqqoo hojjete jechuun gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch har’a beeksiseera.

Gara baatii sadii booda mootummaan Itiyoophiyaa qubsuma ga’aa kennuu ykn jiraattota lubbuun hafan yaaddoo fayyaa isaanii fi nageenya isaanii ilaalchisee jiru furuu hin dandeenye jedha ibsichi.

“Waxabajjii18 sa’aatii saddeetiif haleellaa cimaa hidhattoonni gandoota Tolee fi Senee keessatti dubartootaa fi daa’imman hedduu dabalatee lammiilee Amaaraa gara 400 ta’an rasaasaan rukutanii ajjeesan. Namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne kaanis manneen jireenyaa fi manneen daldalaa dhibbaan lakkaa'aman gubuun barbadeessan, beeyladaa fi qabeenya biroos saamaniiru jedha ibsi Humhan Rights Watch baase kun.

Xiinxalli suuraa saatalaayitii yoo xiqqaate gandoota shan gubachuu fi caasaa 480tti tilmaamaan ta’an barbadaa’uu mirkaneesse. Akeekkachiisni kennamus, humnoonni nageenyaa mootummaa naannoo sana buufatan haleellaan erga raawwatamee sa’aatii muraasa booda gamas dhaqqaban.” Gabaasa HRW herregame. Akkasumas, “Waajjirri Qindeessa gargaarsa Namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa OCHAn Tolee irraa yoo xiqqaate namoonni 4,800 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru, akkasumas lixa Oromiyaa keessatti sababa walitti bu’iinsa achitti uumameen 500,000 ol kannen ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu ibseera.

Aangawoonni Itiyoophiyaa ajjeechaa ji’a waxabajjii keessa fi haleellaa biroof kan itti gaafatamu WABO jechuun himataniiru. WABOn immoo milishaa mootummaatu haleellaa kana raawwate jechuun himachuun qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG