Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Jumlaa ABUT Naannoo Amaaraatti Raaw’ate Jedhame Bakka-bu’aan Dhaabichaa Ni Haalan


Ambasador Fiseha Asgedom
Ambasador Fiseha Asgedom

Mootummaan shorokeessummaan kan himatee fi mootummaan federaalaa dhabamuu isaa fi aangoon kan bulchiinsa yeroo ti jedhu, ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jechuun qaamni of waamu, gaazixaan biyya Inglizii Ze Telegraafjedhamu gabaasa baaseef torban darbe deebii kenneen, gocha gara jabinaa siiviloota irratti raawwatamu kamiinuu shakkii tokko malee kan balaaleffatu ibsuu dhaan, gabaasa ze telegraaf kan hundee hin qabaanne irratti himannaa dhiyaate haaluu isaa ibsee jira.

Ibsi sun itti dabaluu dhaan himannaalee naannoo Amaaraa keessatti siivilota irratti yakki raawwate jedhames, tokkummaa mootummootaan kan moggaafame qaamni walabaa akka qulqulleessu gaafatee jira.

Ze Telegraaf torbee barruu maxxanseen, hidhattoonni TPLF naannoo Amaaraa godina Walloo kaabaa keessatti gandeen qonnaan bulaa meeshaa gurguddaan haleele jechuun gabaase. Keessumaa naannoo Agamsa jedhamu guutummaan barbadeesse jechuun miidhaan sun hagam akka ta’e tarreessee jira.

Gaazixaan sun loltoonni TPLF manaa mana irra naanna’uu dhaan jiraattota ajjeesaniiru, mana qubaniiru jechuun ibsee jira. Namoonni loltoota TPLFn ajjeefaman dhibbaan laka’amu jedhee jira. Gocha tuqame kana kanneen miidhaan irra ga’e haasofsiisuu dhaan, kana duraa fi haleellaa raawwatame jedhame booda suraa saatelaayitii wal bira qabuun mirkaneessuu isaa gaazixaan sun gabaaseera.

TPLF kana kan raawwate, wal waraansi naannoo sana utuu hin jiraatin, ta’e jedhee uummaticha ijaa ba’uuf jedha gaazixaan sun. dubbi himaan mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gizaachoo Muluneh torban darbe gaazixeessotaaf ibsa kennaniin, naannoon isaanii TPLF Agamsaa fi naannoo isaa irratti haleellaa fi ajjeechaa jamaa raawwate jedhan hawaasa addunyaatti beeksisuuf socho’aa jiraachuu ibsanii jiran.

Gabaasa Telegraaf kanaa fi himannaa mootummaa naannoo Amaaraaf deebii akka kennaniif waahilli keenya sagantaa Afaan Tigree Betree Silxaan ofii isaa mootummaa naannoo Tigraay jedhee kan of waamuuf bakka bu’aa Ameerikaa kaabaa kan jedhaman Ambaasaadder Fissehaa Asgedoomiin bilbilaan dubbisee jira. Namootu hiikee dhiyeessa.

Ajjeechaa Jumlaa ABUT Naannoo Amaaraatti Raaw’ate Jedhame Bakka-bu’aan Dhaabichaa Ni Haalan
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:20 0:00



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG