Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka gabaasa Koree Fannoo Diimtu Addunyaa, ICRC-tti Itoophiyaa gama Kibbaatti waraanii nama 800,000 baqachiise


Itoophiyaa gama kibbaatti keessattu ganna lamaa asitti waraanii akkanuma nama kuma hedduu baqachiisuutti jira.

Namii Itoophiyaa godina Booranaa aanaa Mooyyaleetii baqatee Keenyaatti gale ammallee kaambii akka Danbalaa Faccanaa fi fulaa hedduu keessa jira.

Kaan waraana Liyuu Hayil baqataa kaan ammoo waraana mootummaa Itoophiyaa baqata.Lolii Geediyoo fi Gujiilleen nama kuma hedduu baqachiise. Akka gabaasa ICRC-tti jari kun nyaataa fi dhugaatii dhabee rakoo hamtuu keessa jira.

“Tun waan addunyaan herredee rakkoo akka malee hamtutiin dhufti,” jetti Shiriin Hanafieh itti aantuun itti gaafatmtuun koree ICRC.

Namii baqatee ala jiru kuma dhiba hedduu kana bokkeennii alatti dhaanumatti jira.Qarqaarsa argachuu baannaan akka ICRC-tti namii nyaataa dhugatii dhabee, dhibi lafa dhufee rakkoon hamatuun faana dhufti.

ICRCn nama godina Gujii aanaa Kocheretii fi godina Gujii Dhiyaatii baqate dhaqee laalee gabaasa kana baase.

Akka itti aantuun itti gaafatamtuu garee ICRC jedhutti namii fuluma arge jalatti mataa gadi qabata; manneen barnootaa, manneen amanti kiristaanaa fi kaan ammoo fuluma aragte lafa bula.

ICRC fi Koreen Fannoo Diimtuu Itoophiyaa nama 100,000 godina Gediyoo, anaa Kucheree keessatti gargaaruutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG