Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka itti g/guddan waraana Itoophiyaa Jeneral Birhaanuu Juulaa jedhetti wara dharaatti hin dhumanne jedha malee lolii Tigraay qaata dhumate


Map locates the Tigray area
Map locates the Tigray area

Akka Jeneraal Birhaanuu Juulaa dhiyoo VOAtti himetti lolii Tigraay yaayyuu dhumtee TPLF akka lammeessoollee oli hin jennetti dhawamte.Mootummaan Itoophiyaalleen lolii dhaabachuu isaa duraanuu labse.

Akka jecha isaatti warrii lolii hin dhumannee,waan wayyaaneen badde hin sehinaa jedhee odeessu warra dharaan yaa’u.

“Du’uu qofaa mitii akka lammeessoo hin kaanetti doote.Warra boolla keessa jiruu fi warra jara faarsutti tana falma. Warra fagoo jiruu jireenna dansaa keessa jiruu fi asitti ammoo ijoollee fixuu fedhutit tana jedha.Nyaaphi silaafuu moohamnee hin jedhu ummatii tana beekuu qaba jedhe.”

Akka jecha isaatti Milishoota Binighsaangul Gumuz naannoo Metkkel keessatit nama fixuutti jiranillee TPLF faatti jaare..

Jara akkasiillee achi baasuuf Binishnaagul Gumuzitti waraana mootummaa ergan jedha jeneraal Birhaanuun.

Gama kaaniin akka barreeffamii TWITTER Geetachoo Raddaa,miseensa Koree jidudu Galeessaa TPLF itti fayyadamaa ture irratti torbaan dabre bahe jedhetti paartiin biyya bulchitu Geetacahoon du’e ykn Suudanitti baqate jedhanillee 'Tigraay jira' jedha.

Yoo amma ergaa tana barreessuutit jirutti humniti nyaaphaa Zaanaatti guddoo miidhame Adetii fi Simbaalleetti waraana dhibba hedduutti irraa dhumate,” jedhe barreeffamii sun.

Mootummaan Itoophiyaa Tigraayitti bulchiinsii haarahii hujiittii jiraa tajaajilii duraan badellee deebisanii ummatallee gargaaruutti jiran jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG