Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Jiraattonnii Jedhanitti Raayyaan Ittisa Biyyaa Gujii Bahaa, Sabbaa Booruutti Namoota 7 Ajjeesee Dubartii Ulfaa Madeesse


Oromia map

Raayyaan Ittisa Biyyaa Gujii Bahaa,Sabbaa Boruutti Namoota 7 Ajjeese: Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:00 0:00

Kaleessa Gujii Bahaa Aanaa Sabbaa Booruutti Miseensonni Raayya Ittisa Biyyaa namoota irratti dhukaasanii lubbuun namoota torbaa darbuu jiraattonni himan.

Dhukaasa kanaan dubartii ulfaa tokko dabalatee namni jahas madaa’aniiruu jedhu jiraattonni.Bulchaan Aanaa Sabbaa Booruu Ajjeechaa kun dhugaa ta’uu himanii jiru.

Kaleessa barii, humnootni Raayya Ittisa Biyyaa Godina Booranaa Aanaa Areeroo irraa godina Gujii Bahaa Aanaa Sabbaa Booruu ganda Haroo Garrii bakka Dakkara jedhamutti jiraattotarratti dhukaasanii lubbuun namootaa darbuu jiraattonni himanii jiran.

Dhukaasa miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa banan kanaanis nama torba lubbuun yoo darbu, jahaa ka tahan ammo madaa’aniiru.

Jiraataan kun namootni kun erga ajjeefamanii boodas reeffi isaaniillee yeroon akka hin awwaalamne dubbatu.

Miseensonni Raayya ittisa biyyaa balaa namoota ajjeesan jedhamanis ajjeechaa kanaan booda gara godina Booranaatti ofirra deebi’uu jiraataan nuti haasofsiine himanii jiran.

Mangistuu Gazzuu hojjetaa buufata eegumsa fayyaa magaala Darmeeti. Namootni miidhaman gara buufata fayyaa isaan hojjetan dhufanii yaala akka fudhatan dubbatu.

Obbo Mangistuun namootni marti rasaasaan akka rukutamanis dabalanii mirkaneessanii jiran. Dubartiin ulfaa rasaasa raayyaa ittisa biyyaa dhukaaseen rukutaman aaddee Buluddee, isaanis daa’ima isaanii ganna 3 waliin manaa bahanii hojiif utuu deemanii akka rasaasaan rukutaman dubbatu.

Waan ajjeechaa kanaa Bulchiinsi aanichaa deebii akka nuuf kennuuf gaafanneerra. Obbo Carii Galgaloo Bulchaa Aanaa Sabbaa Booruuti.

Obbo Cariin miseensotni Raayya Ittisa Biyyaa kun du’e keessaa sadii hidhattoota dhukaasa bananiidha jedhuu. Waa’ee nageenya aanichaas gaafatamanii haalli naannoo amma tasgabbaa’aa ta’uu Raadiyoonii VOA’f himanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG