Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Uggurri Ertiraa Irraa Hin Kaaneef Ka Itoophiyaan Tokkummaa Mootummootaa Gaafateef Deebii Ertiraan Kennite


A map delineates past areas of conflict between Ethiopia and Eritrea.

Uggura Tokkummaan Mootummootaa Ertiraa irra kaa’ee jiru kaasuu kanneen dandeessisan – jijjiiramawwan qabatamoon mul’atan hin jiran – jechuudhaan, kan Itiyoophiyaan Mana-maree Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaaf yaada dhiheessite ilaalchisee, Ertiraan deebii kennitee jirti.

Ministarri beeksisaa Ertiraa – Obbo Yemaanee Gebre-Mesqel fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreeffama maxxansaniin, uggurri “seeraa ala” ittiin jedhan Ertiraa irra turuun barabaachisaa dha, jechuudhaan, Minister-Deetaan Ministirii Dhimma-alaa Itiyoophiyaa, Aadde Hiruut Zemmenee, ka gidduu kana biyyoota Gaanfa Afrikaa daawwataa jiru – Gurmuu to’annaa, ka Mana-maree Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaatti dubbatanii jiru, jechuudhaan, itti fufuudhaanis, “Itiyoophiyaan deggersa dippiloomaasii qabaatti – jedhanii dhugumatti kan amanan yoo tahe, aangawatiin Addunyaa ka biraa keessa jiraatti” jechuu dha, jedhan.

Dhugaan jiru, yeroo sanatti, seera irrattis tahe ragaa sirrii irratti otuu hin hundaa’iin, bara 2009, ajandaa mootummaa Yunaayitid Isteets yeroo sanaa hojii irra oolchuuf jecha, uggurawwan Ertiraa irra kaayaman tahuu isaanii ti, jedhan - Obbo Yemaaneen. Uggurichi, diddaa haga ammaatti “Mootummaan Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay haga ammaatti agarsiise” jedhamaniif, sababaa tahuullee deebii kennan .

“Walii-galtee bara 2002 Aljeersitti mallatteessamee fi Mana-maree Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa fi Chaartera Abbaa-biyyummaa fi walii-galtee miseensota jaarmayichaa cabsuudhaan kan uggurawwan adabaa irra kaa’amuu male, Itiyoophiyaa dha” jedhan – Ministarri Beeksisaa Itiyoophiyaa, Obbo Yemaanee Gebre-Mesqel.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG