Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akkoo Manooyyee Dabalee Haawwan Oromoo Seenaa Jabaan Beekaman Eeennuu Fa Beettan?


Haawwan Oromoo ijoollee guddisuu,haadha warraa tahanii jiraachuu qofaa mitii haadha biyyaallee tahanii mataa duulaatii haga mata tikaa yaahuunillee hinuma beekaman.

Seenaan Oromoo duruu afaaniin waan dubbataniif hujiin nama jajjabaa fi qaroo akkanaa guddoollee hin mullatuu fa.Warra dubbii fi hujiin isaa hardhallee qalbii Oromoo keessaa hin badin keessaa tokko,Akkoo Manooyyeeti.Akkoo Manooyyee nama bara kuma hedduutii asitti akkanuma waan isiin jettee fi hojjatte jedhan haasahan.

Akkoo Manooyyee bara isiitti nama laafaa hin jaalattu jedhan,bara tokkoo fa waaqaa fi lafa jidduutti mana naa jaaraa,taffii subba(qalqalloo) miyyuu naa qabaa,waan fardaa gadii harree olii naa fidaa fa jettee jedhan.

Waaqaa fi lafa jidduutti mana jaaruuf abbaatti utubaa dhaabataa ati utubaa nuu dhaabii jedhaniin,taffii subbaa tokko fiduuf ammoo udaan harree walti guuranii turraan taffii tahan,waan harree olii,ka fardaa gadii ammoo Harree-Diidaa qabanii itti geessan.
Akka jecha Obbo Jaatanii Abbikuusee,I/G/B/Aadaa fi Tuurizimii Godina Booranaatti Akkoo Haatii Mannooyyee,dubbiin jaartii tanaa nama qaroomsiti,waan isiin hajajjje sun guutuuf namii itti yaadee waan itti baha.Dubartootii Oromoo ta hujii akkanaatiin faarsan hedduutti jirallee jedha.

“Dubartiin akka Akkoo Haamanooyyee ta seenaa jajjabaan beekan,ka mataa duulaa turan Adii Duuloo Willee,Buruurii Canaa Aaraa,Booree Nyuukkee,warrii kun warra akka jabaa,raagaa,qaroo fi waan heduun faana yaahan ka barrssinee…kaahuutti jirru.”
Dr.Gammachuu Magarsaa,nama seenaa fi Seera Gadaa Oromoo barreessuun beekamu.

“Haatii Manooyyee taatee,Haadha Weecee taatee,Hayyuu Suufaa Gorfeee taatee…seenana Oromoon afaaniin walti dabarsuu …akka innii dubartii isaa jabeeffatee … akka Oromoon raaga,qaroo qabu argina.”

Dr.Gammachuu fi haatii warra isaa,Dr.Anniisaan durii durii tahee,seenaa dubartoota Oromoo walti qabanii harkaa qaban.

Woma taateefuu lafii Akkoo Haamanooyyee itti gatan jedhan,Qileen Akkoo Manooyyee,gara Nageellee,gara Diida Liiban jirti.

Bara waan ufii afaanuma ufiitiin barreeffatan kanatti ammoo seenaa jara jajjabaa akkanaa akkuma durii kaan afaanumaan dubbatamee lafatti baduu hin malle.

Gaaffii di Deebii dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG