Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amajjii 9 Bara 2025 Sababa Du’a Jiimii Kaartariif Guyyaa Gaddaa Akka Ta’uuf Labsamee Jira


FAAYILII - Pirezidaantii duraanii Jiimii Kaarter guyyaa dhalootaa isaanii an 90ffaa oggaa kabajan, Yunversitii Jiirigiyaa Saawuzwesteern, Onkoloolessa 4, 2014.
FAAYILII - Pirezidaantii duraanii Jiimii Kaarter guyyaa dhalootaa isaanii an 90ffaa oggaa kabajan, Yunversitii Jiirigiyaa Saawuzwesteern, Onkoloolessa 4, 2014.

Prezidaant Joo Baayiden Amajjii 9 fullee keenyaa guyyaa gadda biyyoolessaa prezidaantii duraanii 39ffaa Jiimii Kaartar akka ta’u Wiixata kaleessaa labsan. Kan umrii isaanii wagga 100 Dilbata dabree du’an boqotan Kaartariif kabajaa qabnu ibsuuf waajiroonni mootummaa Feedeeraala hundi guyyaa sana akka cufaman Baayiden ibsaniiru.

“Ummanni Ameerikaa guyyaa sanatti bakka waaqeffannaa isaaniitti akka walitti qabaman, achitti yaadannoo Pirezidaantii Jeems Earl kaartar Juniyeeriif kabaja akka kennan nan gaafadha,” jechuun Baayiden labsii sirnaa Dilbata dabree galgala baasaniin labsan. "Ummanni addunyaa gadda keenya qooddatan ayyaana kabajamaa kana irratti akka nu waliin ta'an nan afeera" jedha Baayiden.

Sagantaan kabajamaa Amajjii 9 magaalaa waasiingatan Dii Sii keessatti gaggeeffamu pirezidaantota Ameerikaa lubbuun jiran hundaafi namoota kabajamoo hedduu kan argaman ta’a. Kana malees, Baayiden alaabaa Yunaaytid Isteetis guyyaa Kaartar du’an irraa eegalee guyyoota 30f gamoolee ummataa, buufata waraanaa fi gamoo mootummaa Yunaaytid Isteetis kanneen biyya alaa keessatti akka fannifamuu ajajaniiru.

Prezidaant Baayiden Gargaarsa Waraanaa Gara Doolaara Biiliyoona 2.5 Dabalataan Yukireeniif Akka Kennu Beeksisaniiru. Baayiden Ameerikaan meeshaa waraanaa gara doolaara biiliyoona 2.5tti dhiyaatu gara Yukireenitti ergiti jedhan. Bulchiinsi Baayiden torbee sadii booda prezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp aangoo ituu hin qabatin dura Yukreen Raashiyaa ofirraa ittisuuf maallaqa qaban hunda baasuuf saffisaan hojjechaa jira.

Gargaarsii Wiixata Baayiden ka kaleessaa ifa ta’e kun aangoo pirezidaantii tokko doolaara biiliyoona 1.25 irratti ajajuuf qabu kan of keessaa qabu yoo ta’u, waraanni kunis kuusaa meeshaa jiru irraa hanqisuun meeshaa waraanaa saffisaan gara dirree waraanaatti akka geessu kan taasisudha. Waliigaltichi meeshaa waraanaa yeroo dheeraa dabalataa karaa qajeelfama Gargaarsa Nageenyaa Yukireen adda ta’een kontiraata irra kan kaa’u yoo ta’u, kunis meeshaalee waraanaa yeroo dheeraaf geejjibaan erguuff baasii barbaachisu kan kaffaludha.

Baayiden maallaqni yeroo dheeraa hunduu amma baasii ta’uu ibsuun, maallaqa baafamuu hafe immoo aangoo gadhiisuu isaanii dura akka itti fayyadaman waadaa galaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG