Finfinnee keessa kan jiru Embaasii Amerikaa keessatti, yeroof bakka Ambaasaadaraa bu’anii hojjachaa kan jiran, Ambaasaaddar Tireesii Jaakobsan Magaalaa Jimmaa kan daawwatan yoo ta’u, wiirtuu aadaa fi barnootaa Ameerikaa ykn “Jimma American Corner” jedhamu deebisanii banuun, akkasumas hoggantoota biyya keessaa waliin wal arguun qormaata fi carraawwan jiran irratti dubbatanii jiru.
Daawwannaan kunis walta’iinsa Amerikaa , waadaa Ameerikaan Ityoophiyaaf itti fufiinsaan qabdu, akkasumas Imbaasichi michooma dhaabbilee biyya keessaa kanneen akka Yuunivarsiitii Jimmaa fi bulchiinsa magaalaa Jimmaa waliin yeroo dheeraaf qabau irratti kan fulleeffate ta’u isaa ibsaniiru.
Ambaasaaddar Jaakoobsan itti aanaa kantiibaa magaalaa Jimmaa obbo Waasee Girmaa fi bakka bu'oota naannoo simannaa taasifameefii jira.
Walgahii gaggeeffame irratti hirmaannaa Amerikaan kutaa sana keessaa qabdu, carraa walta’iinsa yeroo dheeraa cimsuu, fi tattaaffii waliinii kan nagaa tarkaanfachiisuuf taasifamu irratti mari’atan.
Ambaasaaddar Jaakoobsan Itiyoophiyaan waliigaltee nagaa dhiheenya kana mallattaa’e guutummaatti hojiirra oolchuu akka qabdu kan dubbatan yoo ta’u, gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee akka kennamu, eegumsa lammiilee nagaa akkasumas qorattonni mirga namoomaa naannoo walitti bu’iinsii miidhe akka seenaniif, haala mijeessuu akka itti fufan dhaaman.
Nageenyaa fi tasgabbii Oromiyaa fi bakkeewwan Itiyoophiyaa biroo ilaalchisee, Ambaasaaddar Jaakoobsan rakkoo siyaasaa fi dinagdee bu’uuraa furuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.
Yuunivarsiitii Jimmaa daawwachuun Pireezidaantii Yunivarsiitiichss Dr. Jemaal Abaafitaa fi barsiisota olaanoo biroo waliin wal arguun barnoota Itiyoophiyaa keessaa sadarkaa olaanaa irra geesisuuf Amerikaa fi Itoophiyaa gidduutti walta’iinsaa fi michoomnii sadarkaa olaanaa barbaachisaa ta’u hubachiisan.
Doktar Jemaal dhiheenya kana daawwannaa torban sadii yuunivarsiitiiwwan Ameerikaa, hoggantoota akaadaamii biroo 25 ol guutuu Ityoophiyaa irraa waliin ta’uun walitti dhufeenya dhaabbilee guddisuu fi waa’ee hoggansa yunivarsiitii irratti yaada wal jijjiiruun deebi’aniiru.
Forum