Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Uggura Sudaan Irra Keesse Hanga Tokko Kaaste


Ameerikaan Uggura Sudaan Irra Keesse Hanga Tokko Kaaste
Ameerikaan Uggura Sudaan Irra Keesse Hanga Tokko Kaaste

Bulchiinsi Obaamaa uggura maallaqaa Sudan irra jiru hanga tokko kaasuuf ka jiru ta’uu angawaan gameessi US tokko kaleessa beeksisan.

White House jimaata har’aa uggura kaasuu kana labsa jedhamee eegama. Tarkaanfiin kun kan fudhatamu mootummaan Sudaan shororkeessummaatti duuluu, walitti bu’iinsa xiqqeesuu fi ripxe loltoota Sudaan kibbaa bakka dhorkachuu fi uummata gargaarsa namoomaa barbaaduuf karaa waan saaqeef ta’uun beekamee jira.

US jalqaba irra uggura Sudaan irra kan kaa’e bara 1997 keessa yoo ta’u uggura daldalaa fi qabeenyaa mootummaa ture. Kunis dhiittaa mirga namaa fi yaaddoon shororkeessummaas ka biroo ture.

Hookkara Darfur keessaa irraan kan ka’e bara 2006 immoo US uggura ka biroo irra keesse.

Ministeerri odeeffannoo Sudaan Sudaan Ahmed Bilal VOAf akka ibsanitti kaafamuu uggura kanaa simatanii biyyaa fi uummata isaanii irraan dhiibbaa geessisee turuu isaa dubbatan. Angawoonni US uggurri kun kaafamuun Sudaan biyya shororkeessummaa keessummeessitu ta’uun kan Ameerikaan tarreessite keessaa ishee hin baasu jedhan. preizidaantiin Sudaan Omar al-Basir yakka waraanaa fi fixiinsa sanyiin himatamanii mana murtii yakka qoratu kan sadarkaa addunyaan barbaadamu.

XS
SM
MD
LG