Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Ittisa Biyyattii Donaald Traamp Dhiheeffatan Mana-maree Yunaayitd isttets Duratti Gaafii Dhihaateef Deebisaa Oolan


Kan filatamaan prezidaantummaa Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, ministarummaa ittisaa biyyattiif dhiheeffatan – gada-moojjiin waraanaa – James Maatis, har’a, mana-maree Yunaayitid Isteets duratti gaaffiilee dhihaataniif ennaa deebii kennanitti, madaaliin humnaa Addunyaa irraa, eega waraana Addunyaa lammaffaa tii as yeroo duraatiif yoom iyyuu caalaa haala sodaachisaa keessa keessa galee jira – jedhan.

“eega waraana Addunyaa lammaffaa tii as haleellaa isa hamaa dha. Kun immoo Raashiyaa irraa, gurmuulee shororkeessotaa irraa fi ka Chaayinaan bishaan Chaayinaa gama Kibbaa irratti geggeessitu irraa ti” – jedhan – Maatis.

Of irraa ittisuun, dhimma barbaachisaa dha – ka jedhan – Maatis, humni waraanaa biyyattii danqaalee kana dura dhaabbachuuf humni inni qabu ga’aa akka hin ta’iin dubbatan

XS
SM
MD
LG