Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Gargaarsa Namoomaa Sudaaniif Kennuuf Qophiitti Jirti:Samaantaa Paawar


Itti Gaafatamaa USAID Samantaa Pawar Wajjjira Muummee USAID keessatti, Hagayya 4, 2022
Itti Gaafatamaa USAID Samantaa Pawar Wajjjira Muummee USAID keessatti, Hagayya 4, 2022

Dhaabbatii Misooma sadarkaa addunyaa kan Ameerikaa (USAID) garee ogeeyyii lola Sudaaniin raasaa waan jiruuf deebii namoomaa qindeessan kutaa sana keessatti bobbaasuun isaa itti gaafatamtuun USAID Samantha Power Dilbata kaleessaa ibsanii jiru.

Ibsa Paawor baasaniin, Gareen Deebii Gargaarsa marsaa jalqabaaf Keeniyaa ala akka socho’u ibsuun, ogeeyyiin kun hawaasa addunyaa fi michoota waliin ta’uun fedhii dursa kennuu qabu adda baasuun, gargaarsa namoomaa karaa nagaan geessuuf hojjechaa akka jiran himan.

''Ameerikaan gargaarsa ummata Sudaan kanneen gareewwan wal waraanaa jiran gidduutti kiyyootti galfamaniif gootu cimsuuf socho'aa jirti,'' jedhan Paawor.

Lolli guyyoota saddeet dura raayyaa waraanaa fi garee humna deggersa ariifataa (RSF) gidduutti dhohee rakkoo gargaarsa namoomaa kaasisee, namoota dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuu fi lammiileen Sudaan miliyoonaan lakkaa’aman tajaajila bu’uuraa akka hin arganne danqee jira.

Sudaan akka tasaa waraana keessatti kufuun ishee, karoora bulchiinsa siiviilii deebisuuf karoorfame kan diige, biyya duraanuu hiyyeessa turte qarqara balaa gargaarsa namoomaatti kan fide yoo ta’u, waldhabdee bal’aa humnoota alaa harkisuu danda’u balaadhaaf saaxilee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG