Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eeggii godinii Minisootaa Oromoo galateeffachuuf Oromo Street jedhee baaseef asi nama hedduutti karaa kana dhaqee laaluutti jira


Karaa kana bulchiinsa Minisootaatti Oromoo Galateeffachuuf Maqaa Isiitiin Karaa Baaseef
Karaa kana bulchiinsa Minisootaatti Oromoo Galateeffachuuf Maqaa Isiitiin Karaa Baaseef

Amerikaatti bulchiinsii Minisootaa Oromoo Galateeffachuuf Maqaa Isaatiin Karaa Baaseef
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:01 0:00

Oromo Street maqaa karaa Oromooti. Qooda Oromoon godina kanaa qabduu fi waan isiin godina kanaaf tolchiteef karaa kana maqaa isiitiin bara 2016 baasan.

Karaan kun Minisootaa magaalaa Minneapolis gara ollaa Cedar jedhanii jira.

Minisootaa keessaa Oromoo kuma 40tti jiraata. Akka itti gaaftamaan daldala Oromoo MN, Tashitee Waaqoo jedhetti karaan kun Cedar irra maraa dheeraa.

Karaa kana biratti akka obboo Teshteen jedhetti African Village ykn ollaa Afrikaa jedhanii gabayaa guddoo jaaruuf yaadatti jira.

Wannii karaa kana irratti jaaran cuftii akka jecha obboo Tashiteetti waan Oromoo ufi keessaa qabaachuu malte.

Eegii karaa kana maqaa Oromootiin moggaasanii asitti karaan kun guddoo mimmidhaage.

https://www.opride.com/2015/01/09/minneapolis-may-soon-get-a-commemorative-oromo-street/

MN duruu ‘little Oromia’ Oromiyaa diqqayyoo jedhaniin. Itoophiyaa keessatti Oromiyaan ummataa guddaa.

Gaafa biyyaa jirru Oromiyaa xiqqoo jedhanii asi dhufee guddoo tahuu isi arge,” jettee itti gaafatamtuun biiroo galii Oromiyaa aaddee Caaltuu Sinii ‘Torbaan Oromoo’ bara 2019f MN dhufte.

http://gadaa.net/FinfinneTribune/2015/09/picture-of-the-day-little-oromia-minneapolis-now-has-oromo-street-via-hegeree-media/

Gaafa biyya jirtu aaddee Caaltuun karaa woma Oromoon ufumaan Oromoo St. jettee baafatte seete. “Amma garuu qaamunaan arke,” jette.

https://www.opride.com/2015/01/09/minneapolis-may-soon-get-a-commemorative-oromo-street/

Eegii karaa kana Oromoon moggaasanii asitti akka warrii lafaa jedhutti nama hedduutti MN dhufee karaa kana laala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG