Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaatti namii lubbuun gurraachaa bilaashaa miti jechaa,soodduu 'garboomfataa' qaqaarisaa,bubuqqisaa hiriiratti jira


People film the only statue of a Confederate general, Albert Pike, in the nation's capital after it was toppled by protesters and set on fire in Washington early Saturday, June 20, 2020.
People film the only statue of a Confederate general, Albert Pike, in the nation's capital after it was toppled by protesters and set on fire in Washington early Saturday, June 20, 2020.

Amerikaatti namii hiriira bahee soodduu 'garboomfataa' bubuqqisaa,qaqaarisaa rakkoo himachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:38 0:00


US eegii Jiyoorji Filooyid namichii hidda sanyii Afrikaa torbaan sadiin duratti harka poolisii faranjiitti du’ee asi namii diqqaattuu guddattu hiriirumatti jira.

Eegii ganna dhibba hedduun duratti nama gurraachaa Afrikaa bitatanii dhufaniin haga hardhaallee akka warrii hiriira bahe jedhutti namii gurraachii rakkuma caasaa wal xaxaa keessa jira.

Warrii lafaa gaafa gurraachii garbummaa jala jiru seera akka ufii fedhuun baafatee hojjachuuniitti jira jedha.

Dhiyoo tanallee pirezidaantii Amerikaa ka qaraa Georege Washington jeneraala waraanaa Ulessey fi soodduu nama hedduu kaa qaqaarisaanii, kaan mataa irraa buusanii kaan ammaoo halloo dibanii dallansuu bahuutti jiran.

Jarii kun durii nama bitatee garboomfate, akka gurraachii garbummaa jalaa hin baane lola bananii fi waan hedduun himata.

Pirezidaanti Tiraampi kalee dorogmmii filannootiif lafa waan jabduun qaabatan Tulsaa Oklahoomaa,bara 1912 keessaa qabeenna nama gurraachaa gubanii balleessanii nama hedduu itti fixan dhaqe.

Vaayireessiini Koronaa godina hedduu keessatti dabaluutti jiraa jedhe. Nama Kuma hedduu waan Tiraampi jedhu caqasuuf mukaa diidaa Istaadiyoomii Bank of Oklahoma Center magaalaa Tulasaatti walti yaa’e.

Vaayireessiin Koronaa dabaluutti jira jedhe mirkanse Tiraampi.

“Yooyyuu dhiba kana qabaachuu fi dhibaachuu isaa nama hedduu qoratan eeyee nama hedduu irratti argita. Ee nama hedduu irratti argita,”jedhe”

Namii gadi yaahuu fedha.”Jarana manneen barnootaalleen haa bannnuu,” jedhee Tiraampi.


Vaayireessiin kornaa dabalaa deema, namilleen waan poolisiin nama tolchuutti jirtuu fi tolchaa baatetti dallanee “bifaan nama jibbuun haa dhaabatu,” jedhee hiriiratti jiraa soodduu garboomfataa jedhee bubbuqqisaa mataa irraa bubuusuutti jira.

Akka caasaan poolisi Amerikaatiin tohatan wayyaahullee gaafachuutti jiran.

senteri South Carolina paartii Rippaabilikaan, Tim Scott caasaa kana jijjiiruuf akka federaalaattuu horiin dabalamuu malee jedha.

“Yoo akka jarii kun leenjii dansaa argatu fedhan akka dansaa leenjisuu malan.Waan isaanii ittin hojjatan dansaa kennuuf malan.Wannii sadarkaa federaalaatit tahuu male kana,”jedha.

Tana taanaan dhaabbileen nagaa biyyaa eeganilleen tana quba qabaatanii seeraan hojjatan jedha. Paartiin lamaanuu Demokriaatii fi Rippaabilikaanilleen caasaa warra Amerikaa nagaa eeguu kana wayyeessuuf hujiitti jiran.

Tanuma keessaa kitaabii gorsaan nagaa biyyyolessa Amerikaa ka durii John Bolton gadi bahe.John Bolton hammeenna bulchiinsa Tiraampi jedhe irratti kitaaba barreesse.

Mata dureen kitaaba isaa “The room Where it Happened” Goda/golaii wannii sun keessatti taate jedhee waan bulchiinsa Tiraampi tahe jedhe barreesse.

Boltoniin kun anumatti hujiii sun dhiise jedhe Tiraampi ammoo Bolton mata-mara daallee raatuu tanaaf huji irraa buufne jedhe.

Kitaabii kun waan bulchiinsii Tiraampi fakkaatuu fi waan goda/ykn mana sun keesatti hojjatan jedhe barreesse.
Nigel Sheinwald USAtti ambaasaadderii UK ka duriiti

"Akka ani sehutti namii itti bu’uu dhabuun,qalbi dhabuu,herrega dhabiitiin John Bolton dubbatu waan innii warra ijjeechaa George Floyd jedhee baheen jedhee fi akka deebii itti kennan irraayyuu hin argita,”jedhee waan bulchiinsa Tiraampi dubbate.

Peter Navarro gorsaa pirezidaanti Tiraampi. "Caasaa hajajaa dideef gussan.Herregii isaa akka addunyaan waliin bulan irratti ka pirezidaantiitiin waluu hin fakkaatu.Saati tanatti kitaaba barreessee seera bulchiinsaa cufaa cabse.Kitaaba kanaan ammoo horii guddaa argata.”

Mana Murtii Walii Galaatti irratti dide malee,dameen haqaa Amerikaa akka kitaabii dhossaa mootummaa hedduu qaba jedhan kun hin malle jedhee dadhabde.

John Bolton Tokkummaa Mootummootaatti ambaasaadder Amerikaa 25essoo, gorsaa pirezidaanti Tiraammpii fi bulchoota gara garaa waliin hojjate.Fulbaan bara 2019 hujii irraa bu’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG