Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Ammaa Booda Waliigalteen Cabu Hin Jiru," Jedhu ODP fi ABOn


ABO fi ODPn kalee Abbootii Gadaatti duratti walii galan(Ammajii 22,2019)
ABO fi ODPn kalee Abbootii Gadaatti duratti walii galan(Ammajii 22,2019)

ABO fi OPDn kalee Abboottii Gadaa duratti walii galan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:56 0:00

Marii araara buusuu Abbootii Gadaatiin kaleessa Paartilee Oromoo ODP fi ABO jidduutti taa’ameen booda gaggeessitootni paartilee lamaanuu tumsi kun akka milkaa’uuf akka hojjetan dubbatan.

Jaarsummaa Abbootiin Gadaa taasisaniinis rakkoon kun furmaata akka argatu bakka buutonni ODP fi ABO Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himanii jiran.

Jiraattonni gama isaaniitiin rakkoon kun furamuun Oromiyaa keessatti nagaa buusa jechuun dubbatan.

Waldhabbii ODP fi ABO jidduu jiru furuuf Kanaan dura mareen gaggeeffamee turus, hin milkaa’in hafee ture.

Kaleessa Gumiin Abbootii Gadaa fi Haawwan Siiqqee qaamota lamaan kana araarsuuf taa’anii marii taasisaniin, gaggeessitootni paartilee siyaasaa kun lameen wal dhabdee jiru furuuf walii galanii jiran.

Har’as gaggeessitoonni paartichaa waanuma kana gaafatamanii, mareen kaleessa taasifame kun rakkoo kana akka furu dubbatan.

Gama ODP’rraa hoogganaan Damee yaadaa fi Qunnamtii ummataa Paartichaa Obbo Taayyee Danda’aa nageenya buusuuf gama lamaaniin amanamaa ta’uun barbaachisaa ta’uu dubbatanii waa’ee ABO’n Waraana Bilisummaa Oromoo itti gaafatama isaa Abbootii Gadaa fi ummata Oromoof kenneera jedhe utuu ifa ta’ee gaariidha jedhan.

Obbo Mikaa’el ABOn mareen kun rakkoo kanaaf furmaata akka fidu akka amanu, darbees milkaa’insa isaafis waan irraa eegamu akka bahullee dabalanii himanii jiru.

Jiraattonni yaada isaanii VOA’f kennanis araara buusuun barbaachisaa tahuu himan. Guutumma gabaasaa kanaa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG