AMBOO —
Miseensi mana maree fi walitti qabaan Koree Dhaabbataa Dhimma Diinagdee ka Naannoo Benishaangul Gumuz, har’a ganama Wallagga Lixaa keessatti Qaamota hidhatanii Oromiyaa keessa socho'aniin ajjeefaman, jedha - Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Benishaangul Gumuz. Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Zoonii Lixaa immoo ‘gocha kana kan raaw’ate, WBO otuu hin taane humna Komaand Poostii ti’ jechuun deebii kennan.