Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaansilarittiin Jarmanii Yunaayitid Isteets Ammaan Booda Awroopaadhaaf Waahila Gaarii Akka Hin Taane Akeekan


Chaansilarittii Jarmanii - Angelaa Merkel
Chaansilarittii Jarmanii - Angelaa Merkel

Chaansilarittiin Jarmanii – Angelaa Merkel, Yunaayitid Isteets ammaa booda waahela gaarii akka hin ta’iin eega akeekanii booda, har’a immoo, dubbi-himaan isaanii, Jarmaniin - hariiroo cimaa qaxxaamura Atilaantikitti ka cichitee jirtu ta’uu akeekanii jiran.

Merkel Baavaariyaa keessatti duula filannoof haasawa dhageessisaniin, hariiroo Yunaayitid Isteets waliinii ilaalchisee “Akkan guyyoota xiqqoo dabre keessatti ilaaletti, yeroon guutummaatti wal amannnee jiraannu amma akka waan dhumatee ti” jedhanii turan.

Dubbi-himaan isaanii immoo, “hariiroon qaxxaamura tuujii Atilaantik waan baay’ee barbaachisaa ta’eef jecha, Chaansilarittiin adda addummaa jiru ifatti dubbatan” – jedhan.

XS
SM
MD
LG