Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bliinkan Musaa Faakii Waliin Dubbatan 


FAAYILII - Mnisteera haajaa alaa Yunaaytid Istees Antonii Bliinkan
FAAYILII - Mnisteera haajaa alaa Yunaaytid Istees Antonii Bliinkan

Mnisteerrii haajaa alaa Yunaaytid Istees Antonii Bliinkan dura ta’aa komiishina gamtaa Afrikaa Musaa Faakii waliin dubbachuu isaanii dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis ibsanii jiru.

Mariin isaanii kunis, dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa kan gara fuula duraa irratti yoo ta’u kunis Sudaan Maalii fi Burkinaafaasoo fi Afrikaa keessatti Demookraasii jajjabeessuu kan jedhu ture.

Hundaa caalaa ilaalcha duraa Amerikaan qabdu michooma gamtaa Afrikaa waliin qabnu jechuun kan irra deebi’anii mirkaneessan Bliinkan, kunis keessumaa dhaabattoota Deemokraasii jajjabeessuun nagaa fi tasgabii kabajsisuu jechuun walgahii hogganoota Afrikaa dhiyeenya kan ibse sana jechuu isaanii Praayis ibsanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG