WASHINGTEN DC —
Bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaa Oromoo keessatti ka babal’ataa deeme aramaan bakka biraa irraa dhufee achitti wal-hore oomisha qonnaan-bultootaa xiqqeessaa deemuu isaa dubbatu qonnaan-bultoonni.
Babal’achaa deemuu aramaa kanaa fi rakkoolee hedduu inni hordofsiisu irraa ka’uu dhaan qaamonni adda addaa walitti-qindaa’uun duula ittisa isaa geggeessuu qaba jedhu Qajeelcha Qonnaa Godinaa Oromootti ogeessi eegumsa midhaanii Obbo Araarsaa Warqinaa.