Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artist Laggasaa Abdii Du’aan Boqotan


Artist Laggasaa Abdii Du’aan Boqotan
Artist Laggasaa Abdii Du’aan Boqotan

Kan maasinqoo taphachuun beekamaa ta’an ariitstichi Oromoo beekamaan Laggasaa Abdii Onkoloolessa 11 bara 2011 du’aan boqotan.

Laggasaa Abdii umurii isaanii dargaggummaan gara Finfinnee dhufuu dhaan mana tiyaatiraa Hager Fiqiriitti sirbuu kan eegalan ta’uu dubbatan turan.

Artiistii beekamtichi Oromoo kun sirboota afaan Oromoon Iyya handaaqqoo, koottu yaa jigaakoo Ya Boonaa Yaa Boonaa, Jijiituu, fi kkf wellisuun beekama. Sirni Awwaalcha artist Laggasaa Abdii har’a waarii booda mana sagadaa qiddist sillaasee kaateediraalitti raawwatame.

Maatii fi hiriyoottan isaaf jajjabina hawwaa Artist laggasa biyyoon siif haa salphatu jenna.

Dhaggeeggatoota keenyaa seenaa Artist Laggasaa Abdii ilaalchisuun bal’inaan Itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG