Xurree ittiin seenan

Breaking News

Asaasaa Fi Hokkara Ishee Mudate Kutaa 2ffaa


Godina Arsii dhiyaa magaalaa Asaasaa keessatti hokkara lubbuu nama Afurii galaafate sanaaf itti gaafatamaan eeenyu? gaaffiin jedhu wal falmisisaa ta’aa jira.

Jiraatonni magaalaa Asaasaa polisiitu ajjesee kan jedhan yoo ta’u polisiin immo gamni hunduu hidhatee waan tureef kan jarreen ajjese qorannaa gaggeeffamaa jiru booda beekama jedha.

Gidduu kana immoo mootummaan bulchiinsa naannoo Oromiyaa maatiiwwan namni jalaa ajjefameef mata mataatti qarshii kuma kudha-shan kenne oduu jedhu polisiin oromiyaa ololaa ofamaa jiru jedhee jira.

Gama kaaniin waajirri dhimmootii Federaalaa kan Itiyoophiyaa Caamsaa 03 bara 2012 mata duree “Amantii aguuggii godhachuun sochii gaggeeffamu” ittiin jedheen gama sabaa himaan ibsa baasee jira.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG