Xurree ittiin seenan

Breaking News

Asandaaboo Keessatti Waldootiin Kristaanaa Gubamaniiru


Bulchiinsa naannoo Oromiyaa godina Jimmaa magaalaa Asandaaboo keessatti miseensonni hawaasa muslimaa waldoolii amantii kirstaanaa kan Guutuu wangelaa fi Waldaa Qaala hiywot gubuun isaanii ibsame jira.

Waldootii fi qabeenyaa irratti hubaatiin dhaqqabu isaa namnii maqaa ofii dubbachu hinfene fi tajaajilaa Waldaa Kiristaana qaala hiywot ta'an tokko VOA tti himanii jiru.Magaalaan Asandaaboo magaalaa Jimma irraa gara bahaatti fageenya kilomeetira 50 irratti kan argamtu yoo ta'u sababiin dubbii kanaa Quraana tarsaasanii mana fincaanitti gatan kan jedhu ture jedhama.

Haala kanaanis Waldaan Kiristaanaa,uffannaan faarfatotaa,macaafni qulqulluun akka gubateelle dubbataniru.Waldaan Kirstaana guutu Wangeelaas akka gubate ibsameera.

Maddeen VOAf akka ibsanitti humnootiin nagaa eegsisan haala uumamee to'ataa kan jiran yoo ta'u miseensoota waldaa kiristaana Qaala hiywoot kan ta'an namnii torbaa fi namoota ijaarsa manaa irratti boba'an nageenya isaanitif jecha buufata Pooplisii magaalaa Jimmaatti kan geeffaman ta'u ibsameera.

Gama kaaniin ganda qotee bulaa Siibaa Carii keessa kan jiru Waldaan Kiristaana Qaalahiywot Gilgal gibee gubamuu isaa achii dheessuun kan Jimma keessatti argaman jiraataan naannoo nu'ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG