Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileeti Belaaynesh Olijiraa Olompikii London 2012tiif ufi qopheessuutti jirti


Durii mana barmusaatti fiigaa dhaxxi fiigaa galti,gaafas ijoollee dubraa ta amala akkanaa qabdu maan jedhanii natti dheekkaman jetti.

Barii amma akkuma duriitii miti,Belaaynesh biyya isiiin fiigicha itti jalqabde dorgommii naannolee Oromiyaatti Wallaggaa fulaa buutee dorgomti amma naannoo isii qofaa mitii nama addunyaattu daawwatan.

“Haga ammaatti badhaasa hedduu argadhe, medaaliyaa, konkolaataa[Corolla 2010] tokkoo fi hedduu.”

Belaayneshiin ganna 20n tun, nama dorgommii Olyompiki Londoniitti fiigicha km10tiif filatamuu hin ooltu jedhanii abdatan.

Yoo qara dorgomtu sun km 5nillee hin dorgomti amma sun bira dabartee oli guddatte.

Durii fiigicha akkuma taphaa jalqabde,matiin hagii tokko tana jaalachuuf baatullee deemuma deemtee nama waan hedduuufuu abdatan taate.

“…Asi gahuu kootiif lammata dhaladhe natti fakkaata.”

Yoo ani dubbise sunittuu baddaa Buraayyuu keessatti leenjiaa irra jirti,haga dorgommiin geettuutti dorgommii isiin humna qabu cufaan itti qopheeffadhaa jettetti fuula dura jira.

Mee waan Belaaynesh jettee MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG