Xurree ittiin seenan

Breaking News

Olompikiin Tookiyoo Atileetota Mormii Dhageechisuu Yaadaniif “Jandoo Mijaahaa” Dha Jedhame 

Faayilii - Guwendolayin Beerii, atileetii Yunaaytid Isteets " namoota Koreen Olompikii atileetota mormii dhihessan adabuu akka dhaabuu dhiibbaa gochuudhaf mallatteessan 150 keessaa takka, Adoolessa 26, 2021

Olompikiin Tookiyoo Jimaata haraa tabatamuu jalqbeera. Odoo akka durii, namoota kumaan lakkawwamantu isteediyemitti argamee atileetota deegaaraatii bashannana. Sababa vaayrasii koronaatin baranatti an dabarfamee, Olompikiin 2020, qajeelfamoota tamsa’ina dhukkubichaa ittisan lafa godhaman jalatti torban lamaan dhuftuuf geggeeffama.

Karaa kaaniin, atileetonni barana dirree Olompikii irratti rakkina haawaasa kessa jira jedhan, bifa mormiitiin addunyaaf himuu barbaadan jiru. Hoggantoonni Koree Olompikii garuu mormii “siyaasaa walihiruu” jedhaniin Taba Olompikii Tookiyoo baranaa irratti akka in geggeeffamne akkeekkachisan.

Gabaasaan VOA Bill Galloo, sagantaan kun atileetotaa rogeeyyii hookanis, aktiviistii ta’aniif carraa shagaa ta’uu mala, jedha, gabaasa isaa “Olompiikiin Tookiyoo Atileetotaa activiistii ta’aniif ‘Jandoo Mijaahaa,” jedhu keessatti.

Atileet Fayisaa Leelisaa, Olompikii Riyoo, Bara 2016
Atileet Fayisaa Leelisaa, Olompikii Riyoo, Bara 2016

Atileet Fayyisaa Leellisaa bara 2016 Olompikii Riyoo irratti mormii dhiheessudhan mormii Oromiyaa keessa ture ija namoota miliyoonaan lakkaawwamanii biraan gahuun in yaadatama.

Atileet Fayyisaan, haala mormii atileetonni godhan akkamitti laala? Muuxannoo isaa gaafanneera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Olompikiin Tookiyoo Atileetota Mormii Dhageechisuu Yaadaniif “Jandoo Mijaahaa” Dha Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:09 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG