Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotii Afrikaa, Shaampiyoonaa Afrikaatiif Naayjeeriyaatti yaahuutti jiranii Genzebee Dibaabaa faatilleen yaasumaaf karaa jiran


FILE - Buzunesh Deba, left, of Ethiopia, runs in a group of elite female participants past Wellesley College during the 118th Boston Marathon in Wellesley, Mass., April 21, 2014.

Shaampiyoonaan atileetota Afrikaa kun 21essoo ganna afur afuriin biyya biyya irra maranii dorgoman. Atileetota addunyaan gurra isaanii beettu hedduutti irratti wal dorgoma.

Ta barana kana Naayjeriyaa magaalaa Asaabaa godina Deltaatti kopheessan. Dorgommii tana irratti Itoophiyaan atileetota 63 ergatte jedha leenjisaa Toleeraa Dinqaa.

Itoophiyaan akka jecha isaatti gosa ispoortii 10 caalaa irratti dorgomti; fiigicha dheeraa fi gabaabaa,akkaabsuu miilaa fi ispoortii hedduu. Utaalaacaa darbachaa,akkaabsachaa km 20,fiigicha metirii 10,000 5,000, 1,500 fi hedduu

Dorgommii Hagayya 1-5 tana irratti biyya hedduutti itti dhufa.Atileetiin tana moohate Afrikaa fulaa bu’ee dorgommii atileetotaa Arjentiinaa irratti dorgoma.

Atileetota Itoophiyaa fulaa bu’aanii dorgommii tanatti yaahan keessaa Ganzabee Dibaabaa, Sgabzabe Sanbaree Tafarii,Amaan Waxaee,Jamaal Yimerii fi nama hedduu.

Dorgommii tana irratti Itoophiyaa fi Keenyaatti mataan wal qabe.Ugaandaa, Eertiraa,Morookoo fi Naayjeeriyaan faatilleen warra atileetota jajjaboo qabaachuun beekan.

Naayjeeriyaan dorgommii asiin duratti qopheesse irraa medaaliyaa hedduu argatte. Biyyitii tun akka leenjsiaa Toleeraa Dinqaa bulchoota biyya suni maqeeffatee jedhetti istaadiyoomii sadarakaa addunyaa gugurdaa 20 caalaa qabdi.

Ijoollee Itoophiyaa fiigichaan guguddachuutti jiran keessaa akka leenjisaa Toleeraan jedhutti;Dirribee Waltajjii,Caaltuu Shunaa,Koree Tolaa Salamoon Baaraggaa fi Taayyee Girmaa fa.

Atileetotii Itoophiyaa asiin duratti dorgommii tana moohan keessaa Almaaz Ayyaanaa Metirii 5,000 mootee $40,000, Ganzabee Dibaabaa ammoo metiri 3,000 mootee $40,000 badhaafaman.

Laftii dorgommii itti yaahuutti jiran, Naayjeeriyaan ammaan tana oowwichoo, Itoophiyaan ammoo ammaan tana qabbanooftuu.Atileetotii biyya alaatti dorgoman ammoo qilleensa cufaa keessatti dorgoman.

Atileetota Itoophiyaa akka obboo Toleeraan jedhutti lafa akka Galaan Aqaaqii, Wanjii, Sulultaa.Hinxooxxoo fi Sandaaffaa fa keesastti leenjisan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG