Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awadaay Keessatti Mormii Uumame Irratti Lubbuun Namaa Baduu Jiraattonni Dubbatan Poolisiin Garuu Ni Haale


Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa bulchiinsa Awadaay keessatti kaleessa hiriira mormii geggeessame irratti namoonni 10 ol ta’an du’uu fi kaanis madaa’anii hospitaala Harmayaatti geessamuu isaanii jiraattonni nuuf ibsanii jiran.

Ilmi koo Lalisaa Mohaammed na duraa ajjeefame kan jedhan Obbo Mohamed Abdurahamaan ani ofii koo mana hin turre. Gara waaree boodaa irra ennaan manatti deebi’u reeffa mucaa koon manatti arge jedhan.

Ilma koo awwaaluuf illee carraa hin arganne kan jedhan obbo Mohammed, maaliif bakka awwaalchaa dhaquu akka dhaban ennaa ibsan humnoonni mootummaa reeffa lafa kaa’aa nuun jedhanii maaliif ennaa jedhee gaafadhu siin iyyuu itti daballa naan jedhan jedhu. Anis aarii dhaan dhakaa lafaa butadhee ilma koo irratti anis nan du’a ennaan jedhu uummanni na qabee manatti ol na deebisa. Awwaalcha ilma koo na hankaassan jedhan.

Qaamni poolisiis haala uumame gaafatamee farreen nageenyaatu jeeqama uumaniin rakkoon hangi tokko uumamuu irraan kan hafe Awwadaay nagaa qabdi jechuu dhaan haala isaas to’annaa jala galchinee jirra jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:14:21 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG