Awustiraaliyaan barana qofa lafa hektaara miliyoona hedduutti gubate manneen 2,500 barbadaahe nama 19 dhumate horii fi muka biliyoona hedduutti bade jedhan
Baddaan biyya tanaa duruu hinuma gubatti ammoo ta akka barana kanaa takkumaa hin arigne.Sadaasaa bara 2019 jalqabee godina AKKA North South Wales fi Viktooriyaa faatti akkana gubachuutti jira.
Laftii sun amma dogrii sentigirade 40 caalaa oowwiti. Akka raagii qilleensaa jedhutti yoo laftii oowwaa deemte mukii ufumaan ufi gubee fulaa 200 caalaatti laftii gubachuu dandeetti.
Muummeen ministera Awustiraaliyaa Scott Morrison biyya akka dansaa gargaaruuf kurfoo jirra jedha.
Amma Viktooriyaa aanaa Gippsland keessaa xuyyuuraa fi bidiruun biyya baqachiisuutti jiran.
New South Wales,Viktoriyaa fi Queenslanad fa keessaa nama bassuutti jiran.Nama 18 tanaan lubbu dhabee manneen 1,3200 gubate.
Awustiraaliyaan barana akka malee oowwitii mukkeen wal riganii wal gubanii fulaa hedduu ibiddatti mullata manneen hedduuttti gurbate kuma hedduutti baqaaf karaa jira.