Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awwaanisii lafa Oromiyaa qarxii kuma 22,000 caalatti baafate ammaaf Harargee lamaan qubatullee godina akka akkaatti fuula deeffatee jira


Awwaanisii lafa Oromiyaa irraa jiru lafa qarxii ykn hektaara kuma 22 caaltutti qubate

Awwaanisii Oromiyaatti baafate lafa qarxii kuma 22 caalatti qubatee waan arge balleessuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:27 0:00

Awwaanissii sanyii qorophuuti afaan saayinsiitiin Schistocerca gregaria.Ganna torbaan duratti Itoophiyaatti baafatee midhaan balleessee abde.

Amma akka daarekterii daarekteroora Biiroo Qonnaa fi Qabeenna Uumama Oromiyaa obboo Dejenee Hirphaa jedhetti

Harargee Bahaa fi Harargee Dhiyaa keessa aanaa 13 fi reera 130 keessatti argan.“Laftii oomishaa innii weerare hektaara 23, 328 taha,”

Tana keessaa lafa qarxii ykn hektaara kuma 22 caalaa Awwaanisa kana xuyyuuraan,duddaa namaatiin kemikaala itti afuufanii ufi irraa ittisuutti jiran.Aarallee itti ulanii balleessuuf faluutti jira.

Awwaanisii waan itti qajeele hin dhukeessa. Guyyaatit waan haga nafa ufii nyaata. Yemenii fi Somaalee gara Itoophiyaa dhfue.

Gaafa dhufe ammoo Itoophiyaatti dhufee dhale. Lafa jiituu fi midhaan jiidhoo fedha. Bubbeetti fuudhee barrisaan. Bubbeen tun km 100 caalaa fuutee deemtiin.

Akka obboo Dejeneen jedhetti Awwaanisii waan jiidhaa waan lagatu hin qabu. Harargeetti mishingaa akkana nyaata.Aanaa Jaarsoo fi aanaa Qarsaatti jabeessanii ufi irraa dhowwan.

Awwaanisii bineensii dhiigii qabbanaahu waan taheef yoo laftii ganamaa lafati fixan.

Bineensii kun akka obboo Dejeneen jedhetti amma harkaa namaatii guddoo hin bane. Dhaabii Sagalee ykn Nyaata Addunyaa FAO ammo Awwaanisii kun waan nama yaaddessaa jedha.

Awwaanisii Afrikaa Bahaa irra maraa dhufa migratory pest jedhaniin. Garuma liqimsaa itti argatu mara.

Awwaanisii kun Oromiyaa, Tigraay, Amaara, Soomalee,Affaar fi Dirree Dhawaa keessaa midhaan balleessuutti jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG