Xurree ittiin seenan

Breaking News

Awwaanisii waan nyaatu barbaada yaa'u kaan Boorana aanaa Waacilletti midhaan balleessee bisaan hadheessee nama kuma hedduu onaa  baase 


Awwaanisii waan nyaatu barbaada lafa maru kaan Booranati baafate midhaan balleesse bisaan hadheess
Awwaanisii waan nyaatu barbaada lafa maru kaan Booranati baafate midhaan balleesse bisaan hadheess

Awwaanisii Boorana aanaa Waacilleetti baafate lafa qarxii kuma hedduu keessaa nama baase
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:25 0:00


Gaafa ji’a afuriin duratti Yemen,Somaalee fi biyya ollaatii Itoophiyaa gama kibaatiin Mooyyalee fi Miyoon irraa gadi dhufe kaan yoo fagoo laalan waan daalattii,yoo tokko tokko ammoo duumansa gurraacha fakkaata.

Awwaanisii waan nyaatu barbaada Itoophiyaa irra maruutti jiru kun ammallee Itoophiyaa gama kibbaa irra maruutti jira.

Akka daarkterii tohannoo biqiltuu mininistera qonnaa ,Zebdiyoos Salaatoo jedhetti awwaanisii gannatti marroo sadii afur dhufuu dandaha.

Hoomoo,Konsoo,gara Taltallee,Gujii fi amma Boorana gahee horuutti jira jedha.

Akka itti guddaan biiroo qonnaa fi qabeenna godina Booranaa,Mohaammad Abbaa-Qoodaa jedhetti awwaanisii gaafas dhufe ilmaan dhalee yaahe. Bokkeen roobee laftii itti toltee jennaan amma babbaqafatee lafa keessaa yaahuutti jirti.

Raammoon tun waan irraa gortuu hin qabdu,haga km 20 lafa qarxii kuma hedduu fudhattee yaahuutti jirti jedhee torbaan dabre nutti hime.

Akka kanaan awwaanisii kun abbaa warraaa 12 caalaa nama kuma hedduu baqachiise jedha.

Awwaanisii ji'a hedduun duratti Booranatti baafate kaan ilmoolee dhalee lafaan guutee bira yaa'e
Awwaanisii ji'a hedduun duratti Booranatti baafate kaan ilmoolee dhalee lafaan guutee bira yaa'e

Bineensii kun midhaanii fi waan baalii dottaatuu irraayyuu hin goru. Haadhoon tokko akka aabba Mohaammad jedhetti okokkkaan 85-150 dhaluu dandeetti jedha.

Awwaanisii kun amma Areerootti yaahuuti jira. Warrii Taltallee bineensa midhaan nyaaty kana hadhuma hadhee ufi irraa dhowwe.

Waacilleelleeti akka I/G/B/Qonnaa godinaa jedhetti nama 200 caalaa itti bahee hadhe ammoo humna isaaniiti oli.

Mootummaan Federaalaalleen qorsa awwaanisa kanan balleessaan fuuttaa barmeela hedduu gargaarsaan dhufeenii hadhuuniitti jiran.

Amma rakkoon jabduun warra baqatee bokkeennii alatti dhanuutti jiru kana akka itti gaafatamaan biiroo qonnaa godinaa jedhetti.

Itoophiyaatti awwaanisii akkanaa akka obboo Zebdiyoos jedhetti aanaa 13 keesatti argan taatulle gama Booranaa kanaan ammallee dhufumatti jira.

Yoo kun darellee ammallee hinuma dhufaa taatullee harkaa nama hin baane jedhe.

Mootummaalleen akka jecha isaatti xuyyuura Sagatanaan Nyaata Addunyaa,FAO kireeffatee sadii itti argatee awwaanisa kana biyya irraa dhowwuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG