Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaana Wal-faana Dhufee,Gabaa fi Sharafa Maallaqaa


Lafa Gabaa
Lafa Gabaa

Itiyoophiyaan dhiyeenya kana sharafa mallaqa ishee gad cabsuun ni yaadatama.Kanaafis sababaan kennite, dinagdee jajjabeessuf ka jedhu.

Sharaafni maallaqaa gad cabuu sana hordofee, gatiin waa itti bitan hundumtuu biyya keessaa akka malee dabaluu isaa, Oromiyaa bakka adda addaa irraa namoonni hasoofsiifne ibsanii jiran.Mindaa mootummaan nu kennuun ji’a hanga ji’aa ga’uu dadhabnee liqaan dhumne, jedhu.

Waan biyya alaa irra gara biyya keessaaati seenuu irratti daballi akka jiraatu beekamaa dha.Garuu, waan biyya keessaatti omishamu irratti, haala akkasiin gatii dabaluun kun wal gaafachisaa ta’eera jedhu namoonni yaada nuuf kennan hagi tokko.

Ayyaanni ID Al Faxir fi Waggaan haaraan kan Itiyoophiyaa wal faana dhufuun immo, daran haala jiru hammeesse jedhama.Yaada Oromiyaa bakka adda addaa irra arganne MP3 tuquun caqasaa. Dhaggeefatoota keenya Ayyaana ID Al Faxir fi waggaa haaraa kabajjan mara “ Baga Nagaan Geessan! “ jenna.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG