Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baandiin Afran Qalloo Dirree Dhawaatti Simannaa Ho’aan Godhameef


Simannaa Baandii Afran Qalloo: Dirree Dhawaatti
Simannaa Baandii Afran Qalloo: Dirree Dhawaatti

Dhangaggoon Dirree Dhawaa irraa fageenya km 19 irratti argamti. Fageeenya ishee irra iyyuu Kiiloo Meetra tokko ol kaatee tabbaa irratti waan argamtuuf haalli qilleensa ishee isa kan Dirree Dhawaa irraa adda ishee godhee jira.

Jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa kumaan laka’aan obsanii eeguu waan dadhabaniif tabba dadhabsiisaa Dhangaggoo ol ba’anii keessummoota isaanii kabajaa Afran Qalloo simatanii jiran.

Akka lakkoobsa habashaa Hagaya 19 bara 1953 keessa sadarkaa saba tokkootti sadarkaa biyyaatti iyyuu kan hin baratamne yaada baandii muuziqaa hundeessuu dargaggoonni Dirree Dhawaa lama garuu itti yaadaa turan.

Booda irra erga turee booda baandii Afran Qalloo jedhamuun moggaafameef bu’uursaa kan ta’an obbo Ismael Muummed akkaataa jalqabbee Baandichaa ennaa ibsu p prezidaantii baandii Afran Qalloon ture. Anii fi Alii Shabboo hollaa turre. Kaaneetu aadaa waan fakkaatu tokko iyyuu biyya kana keessaa hin qabnu kanaaf waa tokko uumuu qabna jenne. Akka tasaa nama walaloo barressu beekamaa Abubakar Musaa jedhamu tokko waliinan wal bara. Nama kennaa guddaa qabu dha. Jechoonni inni gargaaramu baay’ee cimaa dha. Nan gammade. Sababiin isaas walaloolee hedduu barreessaa ture. Sanba booda ijoollee Dirree Dhawaa ganda adda addaa keessaa jiranittin hime. Hedduu gammadan. Akkasitti kan waldaa dhaabanne. Jaarsoliin biyyaas dhaga’anii hedduu gammadan jedhe.

Miseensonni Arfan Qalloos kana ennaa argan hedduu itti gammadanii jiran.Simannaa kana ennaan argu ija koo hin amanne. Nan booyan ture. Baay’ee. Ani biyya kootii yeroon ba’e fiigeen baqadhe. Daangaa irratti argamnaan ni dha’amta. Namoonni ennaa simatanii isin jal’anna nuun jedhan ajaa’iba jedha Ismaa’el.

Gabaasa guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG