Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Adduunyaa Deggersa Doolaara Miiliyoonii 300 Itiyoophiyaadhaaf Kenne


Sababa wal waraansaa adeemaa tureen kan ka’ee bu’urewwan misoomaa manca’an deebisanii ijaaruudhaf, namoottan sababa wal waraansichaatiin miidhaman akka dandamatan kan taasisu gargaarsaa Doolaaraa miiliyoonii 300 baakkii adduunyaa irraa argachuu isaa ministeerrii Maallaqaa mootummaa Itiyoophiya beeksiseera.

Akka ibsii minsteeraa maallaqaa mootummaa Itiyoophiyaa kenne jedhetti , gargaarsii baankii adduunyaa irraa argamee kun tajaajila barnootaa, fayyaa,tajaajila bishaanii, akkasumas deggersaa warren hookora saala irratti hundaa’een miidhamaniif kan ooluudha.

Gargaarsichii kan hojii irra oolu naannoo Amaaraa,Affaar, Tigraay, Ormomiyaa fi Beenshaangul Gumuz keessatti akka ta’e kan beeksise ibsii Ministeeraa maallaqaa kun, gargaarsichaa ojii irraa oolchuudhaaf dhaabilee biroo ykn qama sadaffaa wajjin akka walii galteen mallateeffamu beeksiseera.

Wal waraansii Sadaasa bara 2020 naannoo Tigraay keessatti jalqabamee gara naanoo Affar fi Amaaraatti babaldhatee ergaa badiinsaa uume booda tarkaanfii dhukaasa dhaabuu Mootummaan fudhateen yeroodhaaf dhaabbate jiraachuun isaa ni beekama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG