Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankiin Misooma Afriikaa Dubartoota Daldala Irratti Bobb'aniif Deggersa Kenne


Prezidaantiin Ferensaay Imaanu’eel Makroonii fi baankiin misooma Afriikaa hojii dubartoota Afriikaa daldala irratti bobba’an deeggeruuf kan oolu deggersa doolaara miliyoona 300 labsanii jiran.

Kun kan lbsame gumii biyyoota industriin durooman kan G7 Biyaartiiz Ferensaay keessatti geggeessame irratti yoo ta’u kunis dubartoonni daldala irratti bobba’an kan Afriikaa waggoota shaniif liqaa argachuuf salphaa akka ta’u gochuuf jecha.

Ambaasaaddera tola toltummaa UNICEF Sirbituu beekamtuun Bennin Angeliik Kijoo kaka’umsa baankii baankii misooma Afriikaa deggeraa kan turte yoo ta’u Projekticha deggeruuf prezidaantii Faransaay Maakroon waliin hojjetaa turte.

Kiijoon VOAf akka ibsitetti projektiin kun baay’ee barbaachisaa dha sababiin isaas baankileen daldala dubartoonni irratti bobba’an yaadaan waan hin qabniniif abdii kutanii itti dhiisu jette.

Baankiin misooma Afriikaa akka jedhetti dubartoota Afriikaa dhibba irraa harki 77 waaltaalee maallqaa biraa liqaa argachuuf rakkoo itti ta’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG