Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Keeniyaa jiru


Obaamaan Keeniyaa jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:05 0:00

Pirezidentiin Yuunaaytid Isteetis duraanii Baaraak Obaamaan daawwannaaf Keeniyaa jiru. Dilbata kaleessaas Prezidentii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa waliin ka mariyatan yoo tahu, waaree booda ammoo dursaa garee paartii mormituu Raayilaa Odiingaa duukas wal arganii jiru.

Obaamaan boruu (Adoolessa 16, 2018) Kibba Lixa Keeniyaa Siyaayaa, Aleegootti imaluun giddu gala dargaggootaaf ijaarame ka ‘Saawutii Kuu Faawundeeshin’ jedhamu eebbisiisanii achumaan haasawaas taasisu jedhameetu eegama.

Faawundeeshiniin ‘Saawutii Kuu’ dargaggoota naannoof carraa barnootaa fi hojii uumuuf yaadamee hojiirra kan ooledha. Siyaayaan ‘Siyaasa’ Keeniyaa keessatti mormiin beekamti; dhufaatiin Baaraak Obaamaa fi banamuun giddu gala dargagggoota gargaaru kanaas waan gaariidha naannoo maqaa mormii qofaan beekamuuf kanaaf jedhu jiraattonni.

XS
SM
MD
LG