Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Badii Kanneen Dhaqqabsiisan Gama Hundaa Jabeessinee Mormiina"


Faayilii - Namoota sababa waraana Kaaba Itiyoophiyaa keessatin qehee irraa buqahanii mana barmsaa Addis Faana keessa dahaanii jira, Dasee, Hagayya 23, 2021
Faayilii - Namoota sababa waraana Kaaba Itiyoophiyaa keessatin qehee irraa buqahanii mana barmsaa Addis Faana keessa dahaanii jira, Dasee, Hagayya 23, 2021

Bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Afaar keessatti badii lubbuu namaa fi qabeenya dhaqqabee eenyu iyyu haa raawwatuu jabeessee kan mormuu ta’u manni maree dhaabattoota sivilii Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Koreen hojii rawwachiiftuun mana maree kanaa ibsa barreeffamaan facaaseen waan haqaan alaa mormuun kaayyoo isaa waan ta’eef jecha yeroo ammaa namaa fi qabeenya irratti badii rawwatamuu kam iyyu jabeessee akka mormuu ibse.

Walitti bu’iinsa keessaa gareen harka qaban martii mirga namoomaa kabajuu fi dhala namaaf gara laafiina qabaachuun dirqama isaanii ta’u hubachisee jira.

Dhaabbattonnii fi qabeenyaan uummataaf tajaajiila kennan barbadaa’uu ibsii ba’e hubachisee jira.

Gama kaaniin, hawaasnii addunyaa Itiyoophiyaa irratti ejjennoo fudhate kan silaa ta’u hin qabnee jechuun mannii maree kun balaaleeffatee jira.Keessumaa bulchiinsii Amerikaa inni amma jiru AGOWAA dhorkuuf tarkaanfiin fudhadhee jedhe kan biyyatti keessatti nagaa hin fidnee fi tarkaanfii sababaa tokko hin qabne jechuun qeeqe.

Sabaa himaa addunyaa dabalatee kanneen biyya keessaa fi alaa qooda keessaa qaban martii rakkoo jiru karaa itti gaafatama qabuun furuuf yaalii taasisan gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG