Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baga Bara Haaraa Geettan !


Akka abbootii seenaatti Kalanderiin Oromoo bara dheeraan duratti jiraachuun ragaa hedduutti jira.

Keenyaatti haftoo lafa jalaa ykn archelogicla findings ka akka “Namoratunga”jedhan argamuun, Boorannii seera gadaatiin guyyaa fi ji’a isaa lakkahatee ittiin jiraachuutti jiraachuu fi ragaan marsaa interneetii “Archaeoastronomy Africa http://library.thinkquest.org/C011842/africakenya.html” irratti bahee mata duree Borana-Oromo Caladner jedhu jalatti barreessuu dabalee ragaan garaa garaa akka oromoon Calanderiin ufiitn bara dheeraan duratti jriaachaa bahe mirkansa.

Profesor Asmeroom Leggesee nama diqqeennaan gadaa fi seera gadaa barachaa barreessaa guddate.Barreeffamii dhaabii qorannoo Hawaa fi Qilleensa Amerikaa NASA,National Atomespric and Space Agency Borana Caldender jedhee barreesse dhugaa tana mirkaneessaa jedhu.

Dr.Gammachuu Magarsaa Univesirty Finfinneetti barmusa Anthropolgyii barsiisaa,nama bulmaata gadaa Oromoo qorachaa beekamu.Akka Dr.Gammachuutti akkii Oromoon “Kaaladnerii” ykn guyyaa fi ji’a itti lakkahatu waan mala muranii mitii akkii Oromoon henna isaa itti lakkahatu ka Asiyaatiinuu wal fakkaataa jedhu.

Obbo Borbor Bulee ammoo jaarsa biyyaatii Booranaa Dubuluqi jiraata.Ji’a Booranaa 12eessoo Abraasaa irratti jila Abraasaa jedhanii Cooniif,qophii ganna haaraatiif namii cufti horii qaltaa ka dhabe ammoo buna qalatee namuu eebbifatee ganna haaraatti Ammajii jalqabutti seenaa jedhu.

Mee waan jara sadeenuu asiin duratti qophii ganna haaraa MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG