Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaan Baabura Imaltoota Masrii Lubbuu Hedduu Galaafate


Buufata baabura imltootaa Masrii keessatti balaa hamaa dhaqqabeen namoonni 20 ol yoo du’an kanneen 40 olta’an madaa’uu sabaa himaan biyyattii gabaasee jira.

Balaa sanaan kuusaan bobaa’aa buufata sanaa akka dho’u gochuu dhaan baabura sanatti ibidda qabsiise.

Balaan kun buufatan baabura imaltootaa Ramsisi jedhutti ibidda guddaa kan kaase yoo ta’u baabura sana fuula dura isaa gubuu dhaan imaltoonnii fi kanneen naannoo sana dhaabatanii dturan balaan gubachuu hamaan irra ga’ee jira.

Kaameeraan buufata sana keessa ture namoonni dhaaatanii turan ibiddi itti qabatee miliquuf ennaa fiigan mul’isee jira.

Muummichi ministeeraa Mustafaa Madbulii bakka balaan kun itti dhaqqabe erga daawwatanii booda tuuta oduuf ibsa kennaniin sababaa balaa kanaa qorachuuf tattaaffi godhamaa jira, kanneen itti gaafataman adda baasuuf mootummaan waan danda’e mara ni godha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG