Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Bombii Waltajjii Masqalaa Qorachuun Jalqabamee jira


Haleellaa bombii sambata darbee waltajjii Masqalaa irratti dhaqqabe kan ilaaleen qorannaan jalqabamuu isaa Faanaan gabaasee jira.

Komishinarri polisii Federaalaa Jeneraal Zeynu Jamal har’a tuuta oduuf ibsa kennaniin qorannaan gaggeeffamuu komishinii polisii Federaalaa, Komishinii polisii Finfinnee,Tajaajiila tika ykn basaasa biyooleessaa akkasumas waajiira abbaa alangaa mummichaa irraa ogeessonni muxannoo guddaa qaban kan irratti hirmaatan ta’uun ibsamee jira.

Qorannoo gaggeeffamu kana keessatti ogeessonni waajirri qorannoo Federaalaa Amerikaa ykn FBI hojii jalqabuun ibsamee jira.

Qorannaan Kanaan eenyuu gocha kana akka gaggeessee, kaayyoon isaa maal akka ta’e, gocha kana keessatti polisiin harka yoo qaba ta’e kan beekamuuf jiru ta’uun ibsamee jira.

Namoota haala ture ijaan argan, kanneen midhaan irra ga’e fi shakkamtoonni madda odeeffannoo ta’uun itti hirmaatu.Kana malees polisiin maal na dhibeen ilaalee yoo ta’ees ni qoratama.Komishinarri kun akka jedhanti haleellaa qophii guddaan irratti godhame kana fashalsisuu dadhabuun qaawwaa banaa ta’e jiraachuu agarsiisa jedhan.

haleellaa bombii kanaan kanneen shakkaman namoonni 26 har’a mana murtii duratti dhiyaatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG