Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Doonii Godaantota 500 Galaafaterraa Namni Lubbun Hafe Maal Jedha?


"Galaana Mediterranyaan kan Liibyaa fi xaaliyaanii gidduu jiru keessatti doonii nyaatamte keessa kanneen turan namoota 500 dhuman," UNHCR
"Galaana Mediterranyaan kan Liibyaa fi xaaliyaanii gidduu jiru keessatti doonii nyaatamte keessa kanneen turan namoota 500 dhuman," UNHCR

Dhuma torban dabree irra, dooniin galaana Meditiraaniyaan keessa dhaabataa turte, godaantonni gitaa ol itti fe’amuu irraa kan ka’e bishaaniin liqimsamuu ishee fi namoonni dhibbaan lakkaawaman dhumuu isaanii, kanneen balaa kana irraa hafan dubbisuun gabaasnee ture.

Kanneen balaa suukanneessaa kara hafuuf carroomanii gara handaara galanaa Girikitti baafaman keessaa dargaggoo Joorj Burqaa haala imala sanaa fi sadarkaa ofii amma irra jiru Raadiyoo Sagalee Ameeikaaf ibsee jira.

Galaanicha keessaa baafamanii eega to’annaa poolisii Girik jala galanii booda, kaleessa, Ebla 19 bara 2016 irraa kaasee akka gad-dhiifamanii harka UNHCR galan taasisamuu isaa ibsee jira. Garuu, waraqaan buufata poolisii irraa kennameef, baatii tokko keessatti akka biyyattii gad-lakkisanii bahuu qaban kan hubachiisu tahuu dubbata. Kanaafis rakkoo bay’ee yaaddeessaa ta’e keessa jirra, jedha.

Galaana Mediterranyaan kan Liibyaa fi xaaliyaanii gidduu jiru keessatti doonii nyaatamte keessa kanneen turan namoota 500 dhuman gabaasa jedhu, Jaarmayaan Waa’ee Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummotaa, UNHCR, har’a mirkaneessee jira. Balaan kun Ebla 8 dhaqaabuu isaa tu gabaasame.

Kanneen lubbuun hafan maqaa dha’uun UNHCR har’a akka gabaasetti bidiruun imaltoota irra turan gara doonii guddaa ka booda liqimfame sanatti dabarsuuf yaalaa turte. Dooniin daldalaa namoota 41 ta’an baraaree Sanbata darbe gara Grikiitti geessuu illee UNHCR beeksisee jira. Balaan kun eega rakkoon baqattootaa Awrooppaa keessaa jalqabee as isa hamaa hundaa olii ta’uu mala.

Gaaffii fi deebii guutuu Joorj Burqaa waliin geggeessame guutummaa dhaggeeffadhaa.

Balaa Doonii Godaantota 500 Galaafaterraa Namni Lubbun Hafe Maal Jedha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG