Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqatonni Beengaazii Keessaa Dhabaman Eessa Ga'an ?


Magaalaalee Libiyaa kanneen to'annaa mormitootaa jala jiran keessaa Beengaaziin tokko.Baqatoota Itiyoophiyaa fi kanneen biroo Beengaazii keessaa jiraataa turan uummata biyyaaa fi paartii amma bulchaa jiruun qabamnee gara naannoo buufata donii Minaa Juliyaanaa jedhamtuutti geessamne jedhu.

Baqatoota biyya adda addaa haala akkasiin geessamnee jeedhan keessaa Oromoon 230 ni taana jedhu.

Maallaqaa fi qabeenyaa horannee saamamnee, reebamnee gara buufata kanaatti eega fidamnee boodas, nyaata afaanitti deefannu hin qabnu, kan waaqaa buleetu waa nutti darbata jedhu baqatonni.Dubartonni Dunkaana handaara galaanaa dhaabame keessa, dhironni immo galaana qarqara ala kan bulan ta'u ibsanii dubartoonni ijoollee qaban akkasumas ulfiis akka jiran dubbatu.

Ammaan booda carraan keenya maal akka ta'u hin beeknu ! Addunyaan lubbu keenya du'a irraa ha oolchu ! jedha iyyannaan baqatoota kanaa.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG