Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Yemen Nageenyi Keenya Amansiisaa Miti Jhedhu


Jeequmsi siyaasaa giddu galeessa bahaa keessa jiru hammaataa wayita adeeme kanatti baqattoonni Yemen keessa jiran nageenya keenyaaf Sodaataa jirra jedhu.

Lammiiwwan biyyattii mootummaa aangoo irra jirutu biyya keenyatti isin fide mootummaan fonqolchamnaan guyyaa tokko isin hin bulchinu jechuun nu doorsisu jedhu baqattoonni gamas jiraatan.

Dhimma baqattootaa kan of harkaa qabu dhaabbanni baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHCR iyyata keenya dhaggeefatus deebii quubsaa nuuf hin kennine jedhan. Haalli nageenya Yemen keessaa gad adeemaa deema taanaan jireenya keenyaafuu amansiisaa miti jedhan.

Waajjira UNHCR Yemen kan Sana’aa jiru irraa angawaan hariiroo alaa ibsa nuuf kennaniin baqattoota kana nageenya isaanii eegsisuuf hanga danda’ametti carraaqaa jirra jedhu. Karaa hoogganoota hawaasa baqattootaatiinis odeeffannoo tajaajila gargaarsaa argachuu malanis ittiin geenya of eegganno barbaachisus akka godhataniif dhaamsa dabarsinee jirra jedhu.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG