Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoota Humnaan Biyyatti Debisuun Seera Addunyaa Cabsuu Dha


Mootummaan Somaaliilaand Baqattoota Ityoophiyaa 20 humnaan gara biyya irraa dheessaniitti deebisuun isaa kan isa yaaddesse ta’uu gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raayits Waach beeksisee jira.

Dubbi-himaan garee kanaa Geerii Simson akka jedhanitti Muddee 28 aangawoonni Somaaliilaand ibsa tokko malee baqatoota fi kanneen dahannaa siyaasaa gaafatan 20 hidhanii gara Itiyoophiyaatti ergan.

Kun immo tarkaanfii hamaa kan seera waa’ee baqatootaaf ba’e cabsuu, jedhu. Seerri jiru baqataa kam iyyu humnaan gara biyyaa irraa dheesseetti deebisuu, ajjeechaaf saaxiluu ykn iddoo itti bilisummaa isaa sarbamuutti ergu kan ittisuu jedhu Simson

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG