Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara Qaroomii Guddachaa Deemu Kanattti Ijoollee Barsiifatan Malee Falii Hin Jiru


Akkuma Alii Birraatuu baanuu barnootii qalbii namaa qaree addunyaan wal nama qixeessa.Naannoo akka Oromiyaa ta namii isii hagii guddaan baaddiyaa jiruu fi humniti isaan qabanilleen hagii guddoon qarooma addunyaatiin wal hanqatetti,falii jiru ilmaan barnootatti oofuma oofanii addunyaan wal qixaahuu.

Akkuma abbootiin teennalleen jettuu hordofilleen duuluma,ya na dabartee amma hin dhaqqabuun hin jirtu barsiisuma barsiisuu.Jireenna baaddiyaa gaargaltittii keessa bahuma bahanii fulaa jajjabduu gahuulleen hinuma dandahan.

Dr.Balakkoo Gumii nama jireenna baaddiyaa keessa guddachaa bahee doktorii tahe.

“Ani tikaa yabbii jalaa bahee asi gahe…yoo kaayoo qabaatan wannii namii hin taanee fi fulaan namii hin geenne hin jirtu.Tulluu tokkoo yaaban tokkotti mullata…maatiin akkuma ijoollee isaanii manatti aadaan tohatan mana barumsaalleetti tohachaa barsiifachuu wayya.”

Barsiisaa Guyyoo Dooyyoolleen nama jireenna jajjabaa jalaa bahee university Bahir Daarii fi amma ta Bulee Horaa gahe.

“Namuu kooba ta irra ejju irraa dubbata… jireena akkuma innii namatti dhufeen jiraachuu mitii…obsaa waan cufa dabarsanii jiraachuu…fi fuloo bahan jabeessuu.Nama itti himan malee itti hin hidhan,” waan harkaa qaban jabeessaa jedhe.

Oolaa fi bonii dhiyoo tanaa gammoojjii Oromiyaatii horii kuma hedduu hobbaasee. Warri ijoolleen isaanii barmusaa horii kana qofatti hirkattu ammoo akka jajjabaa fa jira.

Silaa jarii kunilleen ilmaan ufii barsiifatee nama dhaqqaban maan tolchuu wayya?Mee waan Dr.Balakkoo Gumiitii fi barsiisaa Guyyoo Dooyyoo akka gorsaatti jedhanii fi waan beekan nutti himan MP3 tana irraa caqasaa waan silaa ilmaan qonnaan bultaatii fi horsiisee bulaatii tolchanii barsiisuu malaniinillee nutti himaa nuu barreessaa nuu bilbilaa.

XS
SM
MD
LG