FINFINNEE —
Barattoni Yunibarsiitii Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa, Yunibarsiitichi murtee seeneetiin dabarseen akka mooraa gadi dhiifnee maatitti deebinu nu taasise jechuun komatan.
Yunversitiin Saayinsii fi Teeknolojii Adaamaa gama isaatiin baratooni sababoota garaagaraan yaroo silaa barachuu qaban waan addaan kutaa turaniif barumsa hunda baratanii qormaata walakaa waggaaf fudhachuu hin danda'an jedha.
Kanaaf akka barumsi seemisteera kana haqamee seemisteera itti aanu Ji'a Guraandhalaa 25 hanga 26 akka haaratti akka galmaahanii barumsa isaani itti fufan murtaahe jedhee jira. Gabaasaa Muktaar Jamaal Caqasaa