Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoota Iggitaman jedhaman 27 Keessa 21 Gad-lakkifaman Jedha Mootummaan Itiyoophiyaa


Koomishiinii Saayinsii fi Barnoota Olaanaa (Science and Higher Education)
Koomishiinii Saayinsii fi Barnoota Olaanaa (Science and Higher Education)

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:00 0:00

Baatii tokkoo fi walakkaa dura Yunivarsitii Dambii Dolloo keessatti walitti-bu’iinsa uumamee ture dheessuun otuu gara maatii isaaniitti konkolaataan deebi’aa jiranii kanneen hidhattootaan iggitaman jedhaman barattoota 26 keessaa 21 nagaan gadhiifamuu isaanii mootummaan Itiyoophiyaa Sanbata dabre beeksisee jira.

Maatiin ijoollee iggitamanii garuu haga ammaatti ijoollee keenya ijaan arguus tahe sagalee isaanii dhaga’uu hin dandeenye jedhu.

Gama biraatiin kanneen butaman keessaa tokko tahuu ishee fi booda miliqxee harkaa ba’uu ishee ka dubbattu – barattuun Yunivarsitii Dambii Dolloo tokko “ana dabalatee kanneen iggitamne 18 turre” jetti. Isheen miliqxee waan baateef kan ishee biraa hafan dubartoota 13 fi dhiirota 4 walumaa galatti namoota 14 tahuus dubbatti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG