Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii Oromoo yuniverstii Waldiyaa jiran rakkuma keessa jirra jedhan jaarroleen naannoo Amaaraa dhufanii barattoota mari’achiisan


Barattii yuniverstii Waldiyaa haga laftii nagaa taatutti naannoo teennatti galuu feena jedhan

"Hardha waliin guyyaa sagaliif doormii baanee ala bulaa jirra falii jiraachuu baannaan galuu barbaanna" kampaasii Daseetti barataa 1tti du'e
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:11 0:00


Eegii rakkoon naannoo Amaaraa yuniversitii Waldiyaatti asi dhalattee asi barattoota hedduutti doormii baqannee ala buluutti jirra jedha.

“Waraqaa eennummaa nurraa fuudhanii yoo Oromiyaa tahe nu miidhan,” jedhan barattootii hedduun dubbifne

Akka jarii jedhutti akka kanaan barattoota Oromoo kuma hedduutti yuniverstii Waldiyaa doormii yaa’ee mooraa keessa bula. Achitti waraanatti eega “barattootuma waliin barannutti nu reeba kaan alatti nurraa dhowwan “osoo federaalii jiruu irraan nu miidhan miidhan,” jedhan.

Bulchiinsii saayinsii fi teknooloojii barnoota olaanaa Itoophiyaa qaama gurmaahetti wal gurmeessee yuniverstii keessatti ijoollee miidhuutti jira jedha.

Fedhiin barattoota Oromoo yuniverstii Waldiyaa warrii nu dubbifne galuu fedha.

Muummeen ministera Itoophiyaa Abiy Ahmed yuniverstiiin rakkoo isaanii falachuu baannaan mootummaan cufuuyyuu dandahaa jedhe.

Bulchootaa fi jaarrolee fi abbootiin amanatii hardha yuniversitii Waldiyaa dhufanilleen akka ijoolleen barattu fedhan. Ijoolleen ammoo lafa nagaa hin qamne keessa hin barannu jedhan.

“Yoo nyaataaf kaaffee deemnullee karaatti dhagaan nu hadhanii nu reeban,” jedha barataan maqaa himachuu hin fedhin. “Haga ammaa ala buluutti jirra,doormiitti galuu sodaanna.”

Gama kaaniin yuniversitiin Walloo damee Dasee keesatti akka yuniversitiin marsaa interneeti ufi irra baaftetti wal dhaba barattootaan barataa tokkotti lubbuu dhabee qorahcuutti jiran.

Bulchoota yuniversitii Dasee keessaa akka daarekterii barattootaa doktor Ayyaalewu Hassan jedhetti akka lubbuun barataa kanaa hin baane waan hedduu hojjatan.

“Ogeeyyotii hospitaala Dasee itti wal gargaaranii akka barataan kun lubbun hafu falanii mataa baqassannii wallaanan. Obboleessilleen dhufee gaafachaa ture. Anilleen achi dhufee ilaale.Yuniversitilen nyaataa fi dhugaatii fidaniifii kontoraata qabaniif.Ammoo hin taanee halkan kalee lubbuu dhabe. Waan guddoo garaa nama nyaataati.”

Barataa yuniverstii Daseetii dubbinfe tokko akkana jedhe.“Haallii yuniverstii Walloo baayee nama rakkisaa.Torbe tokko tahufu deema.Baratoota hedduutti miidhmae.Barataa tokkotti kaleessa lubuudu dhabe.Gamoo irraa darbatan.Iddoosaa jedhamaa barataa Wallaggaa Lixaati.Gareen gurmaahanii nutti dhufanii nu reeban.Ijoolleen hedduuti rukumate.”

Ministirii saayinsii fi barnootaa olaanaa Itoophiyaa torbaan dabre keessa ibsaa baaseen jedhetti “warra seera malee yuniverstriii seenee warqata eennummaa baafatatee qaama tuttuqutti jira.Qaama leenjisutti jira.Harka isaaniia akka ijoollee kaasan gaafatan.

Yuniversitii Dambii Doolootti ammo lubbuun barataa tokkotti rakkuma akkanaatiin bahe.Akka kanaan yuniverstii haga tokko keessatti barnootii dhaabe jedhan.

Paartilee siyaasaa,jaarrolee lafaatii fi abbootiin amantii akka yuniverstii keessa nageennii jiraatu jara dubibiin laaltu cufaa gaafachuutti jiran.Akka rakkoon jirtu karuma nagaatiin falanille gaafatan.

Barattootii Oromoo nu dubbifne hedduun ammoo haga laftii nagaa taatutti naannoo ufitti galuu fedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG