Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beellii fi Walitti Bu’iinsi Sudaan Kibbaa Rakkoo Hamaaf Saaxile


Beellii fi Walitti Bu’iinsi Sudaan Kibbaa Rakkoo Hamaaf Saaxile
Beellii fi Walitti Bu’iinsi Sudaan Kibbaa Rakkoo Hamaaf Saaxile

Walitti bu’iinsaa dhaabuu fi beela sudaan Kibbaa itti dabalaa ittisuun kan wal qabate. Garuu haalli mul’atu daran wal xaxaa ta’ee jira.

Haala jeeqaamaa hedduu kan waggoota lama duraa ennaa mootummaa tokkoo fi garee mormituu hidhate tokko qabnu caalu argaa jirra.

Casie Copeland xiinxaltuu gameetti kan garee walitti bu’iinsa biyyootaa qoratu kan International Crisis Group jedhamuu yoo ta’an yeroo ammaa gaerelee hidhatan hedduutu jira jedhu.

Heduun isaanii mootummaa waliin lola shiftummaa eggalanii jiru. Kaan immoo mala ittiin mootummaatti ittiin duulan hin qaban. Kan isaan gochuu danda’an kan akka daandii irratti konkolaattota mootummaa dahatanii haleeluu fi kan akkasii ti. Ennaa kana egaa daandii irratti haleellaa dhaqqabsiisuun immoo booda irra ripxe loltummaa akka hammatu gochuu dhaan seera dhabulummaa fida. Sun immoo dhabamuu nageenyaaf sababaa ta’a.

Wal dha’uun jiru gama mormitootaa qofaan miti. Gama milishoota michoota mootummaa ta’anis akkasuma. Kanneen ijaan argan akka jedhanitti haleellaan dhiyeenya Wau fi Equatoria keessatti siivilota irratti raawwatame kanneen unifom waraana mootummaa uffataniini.

Yeroo tokko tokko kanneen haleellaa raawwatan loltoota, milishoota ykn ripxe loltoota ta’uu isaa adda baasuun hin danda’amu.

Ken Issacs itti aanaa presidentii fi sagantaalee hariiroo mootummaa dhaaba gargaarsaa tokkummaa mootummootaa ti. Hojjettoonni waajjira isaanii Mayendit kan kutaa Unity bakka tokkummaan mootummootaa beelli keessa jiraachuu labse keessatti yeroo gabaabaaf iggitamanii turan.

Baatilee hedduu dura namoonni hangi tokko Mayendit walakkeessa naannoo beelaan dha’ame keessatti ukkaamsamanii butamanii turan.

Namoonni iggitanis gareelee hidhatan keessaa tokko. Qofaa isaanii socho’u. seerri hin jiru. waanuma gaarii itti fakkaate raawwatu jedhan.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Beellii fi Walitti Bu’iinsi Sudaan Kibbaa Rakkoo Hamaaf Saaxile
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00

XS
SM
MD
LG