Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuduljabbaar Huseen "Obbo Baqqalaa Garbaa Mirga Wabii Dhorkaman"


"Sirnuuma Mootummaa Amma Jiruttu Yakkamaa Biliisa Godhee, Bilisa Immo Yakkamaa Godha" Obbo Baqqalaa Garbaa

Washington, DC

Manni murtii olaanaa Federaalaa inni Lidataa jiru dhaddachi 4ffaan har’a waa’ee obbo Baqqalaa murtii kennuuf yeroo muudameetti maatii fi firri ykn namoonni ka biraan akka hin seennne dhorkamuun ibsamee jira. Murtii kenname kanas Abukaatotatuu erga dhaddachaa ba’anii booda ibseef. Himanni shoroorkeessummaa duraan ittiin himatamanii turan gara yakka idileetti kan jijjirame ta’us obbo Baqqalaan yoo wabiin gadhiifame deddebi’ee dhaddachatti hin dhiyaatu, hokkara ammaan duraa itti fufaa fi kanneen biroon mirga wabii dhorkamu abukaatoota keessaa tokko Obbo Abdul Jabbaar Heseen ibsanii jiru. Abukaatooleen isaanii ol-iyyannaa dhiyeeffachuuf akka jiran ibsanii jiru.

Obbo Baqqalaan murtii kenname sana booda mana murtiif akka ibsantti nuti dhaddachatti deddebi’aa kan turre haqa argachuuf otoo hin taane adeemsa jiruu fi waan kennamaa jiru akka uummanni baruuf jenne turre. Inni kun har’a naa milkaa’eera, gammadeera jedhan. Kana malees murtii kana arguun koo kan na dinqisiise miti, waanin eegaa ture waan ta’eef jedhan. Sirnuuma mootummaa amma jiruutu yakkamaa biliisa godhee, bilisa immo yakkamaa godha jechuun obbo Baqqalaan mana murtiitti himan.

Namoonni keeyyata wal fakkaataa fi keyyata isa kan koo caaluun himataman mirgii wabii eegameefii alaa deddebi’uun dhimma isaanii hordofaa akka jiran argaa jirra. Garuu anaa fi uummata an bakka bu’eef kun ta’uun isaa na gaddisiisa. Namoonni miira ofii isaaniif jecha hojjatan yeroo dhufan haallii kun ni jijjirama jedhee waaniin yaaduuf abdii hin kutuu jedhan Obbo Baqqalaa Garbaa. Dhimmi Obbo Baqalaa Garbaa ija seeraan murtii kan argate otoo hin taanee siyaasa irratti hundaa’uun abbootiin siyaasaa kan murteessan dha jedhu hayyuun seeraa Dr. Xaggaayee Araarsaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:28 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG